Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way






























Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa qiyaamaa dhugumatti irra milkaa'aan namaa nama onnee isaa irraa qulqulleessee ''Laa ilaaha illallaah" jedhe, akka ta'e himan, akkas jechuun haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru jechuudha, akkasumas shirkii fi namni na haa arguu irraa qulqulluu ta'uudha.
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni dhugumatti jecha tawhiidaa hiika isii beekee akeeka isitti hojjataa haala ta'een dubbate, Nabiyyii Muhaammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichaa fi ergamaa Rabbii ta’uu isaanii namni ragaa bahe, akkasumas Iissaan gabrichaa fi ergamaa Rabbii ta'uu isaa, Akkasumas Rabbiin jecha Isaa "kun" jechuun akka isa uumee inni argame, ammas inni hafuurota Rabbiin isaan uume keessaa hafuura tokko akka ta'e namni amane, Akkasumas waan yahudoonni ishee irratti himan irraa haadha isaa bilisa kan baase. Akkasumas jiraachuu isaan lameenitii fi isaan lameen qananii Rabbiitii fi adabbii Isaa ta'utti amanaa haala ta'een namni Jannanni haqa, Ibiddi haqa, jedhee ragaa bahe, Sana irrattis du'e; osoo ibaadaa keessatti hanqina qabaatee badillee qabaatee deebiin isaa akka gara jannataa ta'e nuuf himan.
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni waan tokkollee haala Rabbitti hin qindeessineen du'e deebiin isaa gara jannataati badii isaa garii irratti yoo adabames, namni waan tokkollee ta'u haala Rabbitti qindeessuun du'e ibidda keessatti zalaalam teessifama jedhanii himan.
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni waan Rabbiif ta’uu qabu waan biraatiif godhe, sun akka waan biraa Rabbiin alatti kadhachuu, yookaan Rabbiin alatti waan biraa irraa dirmachuu barbaaduuti, ergasii sana irratti kan du’e, inni warra Ibidda irraa ta'a. Ibnu Mas'uud -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- itti dabaluudhaan, namni waa tokko osoo Rabbitti hin dabalin du’e, hireen isaa Jannata ta’a jedhe.
Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hoongaa'uu fi kasaaraa worra diinii fi duniyaa, jechootaa fi hojiiwwan isaanii keessatti akka ta'uu maluun alatti waa jajjabeessuun, kan daangaa shari'aa Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin dhufan darbanii himan.
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageeya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni nama rakkataa waa liqeeffatee yeroo kennee fii isa eeggate yookaan liqaa isaa sana irraa isaaf waa buuse, mindaan isaa: guyyaa qiyaamaa gaafa aduun mataa gabrootaatti dhihaattee gubaan isaanitti jabaattutti dhugumatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jalatti isaaf gaaddiddeessa, Nama Rabbiin isaaf gaaddiddeesse malee namni tokkooyyuu gaaddisa argachuu hin danda'u.
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- dhugumatti Rabbiin gabroota isaaa mu'umintoota keessaa nama tokkoof toltuu yoo fedhe lubbuu isanii, qabeenya isaaniitii fi maatii isaaniitiin hamtuun tuqee isaan mokkora, gama Rabbii deebi'uun, isa kadhachuun, badiiwwan isaaf haqamuu fi sadarkaan ol fuudhamuun sababaa sanaatiin mu'minaaf waan argamuuf jdcha.
Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin toltuu fi badduu murteessee eegasii akka itti isii barreessan Maleekaa lameenif ibse jichuudha ifa galchan: Namni toltuu hojjachuu fedhee yaadee isii hojjachuu irratti murteeffatee ka'e toltuu tokkotu isaaf barreeffama, yoo isii hin hojjannellee, yoo isii hojjate immoo fakkaattii isii kudhaniin hanga dachaa dhibba torbaa hanga dachaawwan hedduutti dachaa isaaf godhama, dabalanni akkaataa ikhlaasa qalbii, faydaan isaa darbaa ta'uu fi kan sana fakkaatanuun ta'a. Akkasuma namni badii hojjachuu fidhee yaadee isii hojjachuu murteeffatee ka'ee eegasii Rabbiif jecha isii dhiise toltuu godhamee isaaf barreeffama, yoo immoo dhimma biraatiin isii irraa qabamee sababaawwan isii osoo hin hojjatin dhiise homaa isaaf hin barreeffamu, isii hojjachuu dadhabuun yoo isii dhiise immoo yaada isaatu isa irratti barreeffama, yoo isii hojjate immoo badii tokkotu isa irratti barreeffama.
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e suuraa gabrootaa fi qaama isaanii, isiin bareedduudha moo yookaan fokkattuudha? isiin guddoodha moo yookaan xiqqoodha? isiin fayyaadha moo yookaan dhukkubsattuudha? jedhee akka hin ilaalle ifa galchan. Akkasumas qabeenya isaani, isiin hedduudha moo yookaan muraasa? jedhee hin ilaalu Rabbiin injifate ol ta'e gabroottan Isaa wantoota kanaa fi isaan keessatti wal caaluu isaaniitiin isaan hin herregu, garuu kan ilaalu gara qalbii isaaniitii fi taqwaa, yaqiina, dhugummaa fi ikhlaasa isii keessa jiru ilaala, yookaan argisiifannaa fi na haa dhaga'anii fedhe moo maal fedhe jechuu ilaala, akkasumas hojii isaanii gaarii ta'uu fi badaa ta'uu isii ilaala, isii irratti mindaa fi ajriis kenna.