





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Jariir bin Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaalatu- ni jedhe: Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bira turree, halkan tokko -isheen halkan kudha afraffaati- gara ji'aa ilaalanii, akkas jedhan: "Isin Gooftaa keessan akkuma ji'a kana argitaniitti arguuf teessan, Isa arguufis wal hin rakkiftan. Yoo salaata osoo aduun hin bahinii fi osoo hin lixinii irratti moo'atamuu dhabuu dandeessan, hojjadhaa, eegasii qara'an: "{Osoo aduun hin bahinii fi osoo aduun hin lixin Rabbii kee faarsuun wajjiin qulqulleessi}".
Al-Bukhari and MuslimSahaabonni halkan tokko Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waliin turan, isaan gara ji'aa - halkan kudha afraffaa- ilaalanii, akkana jedhan: Mu’umintoonni Rabbii isaanii arguu keessatti osoo waan biraatti hin fakkaatin, osoo ofii isaanitii wal hin rakkisin, osoo cinqii fi rakkoon tokko isaan hin mudatin arguuf taa'an. Eegasii Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: Sababoota salaata fajrii fi asrii irraa isin dhoorgan muruu yoo dandeessan hojjadhaa, isaan lameenuu guutuu haala ta'aniin yeroo isaanitittii fi jama'aa waliin salaataa, sun sababoota fuula Rabbii ol ta'ee ittiin ilaaltan keessaa isa tokkoodha. Eegasii Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Aayaa tana qara'an:- {Osoo aduun hin bahinii fi osoo isheen hin lixin Rabbii kee faarsuun wajjiin qulqulleessi}.
Aa'ishaa Haadha Mu'mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa haa jaalatu-: Ummu Salaamaan Ergamaa Rabbiitiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bataskaana Maariyah jedhamtu biyya Habashaa keessatti argite dubbatte, suuraa adda addaa irraa waan ishee keessatti argite itti himte. Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Isaan sun ummata yeroo gabricha gaariin, yookaan namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayan warri sun Rabbiin biratti irra badoo uumamaati”.
Al-Bukhari and MuslimHaati Mu’mintootaa Ummu Salaamaan -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- Rasuulaaf -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni himte isheen yeroo biyya Habashaa turtetti, bataskaana - Maariyah jedhamtu - kan ishee keessatti suuraaleen, faayaa fi fakkiiwwan adda addaa kan argitee turte isaanii himte; sana baay'ee ajaa'ibsiifatuuf jecha! Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sababoota fakkiiwwan kanneen kaa’aniif ibsaniiru. Akkas jedhaniin: Isaan keessaa namni gaariin tokko yoo du’e qabrii isaa irratti masjiida itti salaatan ijaaru, suuraalee sanas ni tolchu, Namni waak akkasii hojjatu Rabbii ol ta'e biratti irra badaa uumamaa akka ta'ees ibsaniiru; Sababni isaas gochi isaa gara Rabbii ol ta'etti waan biroo qindeessutti nama geessuuf jecha.
Abdullaah ibn Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Islaamummaa ijaarsa ruknoowwan isaa shanan ijaarsa sana baattuun jabaa ta'etti fakkeessan, haaloowwan isalaamummaa kanneen hafan immoo akka waan guuttuu ijaarsa sanaa taatetti ilaalamti. Durri Ruknoowwan kanneenii: Shahaadaa lameeni; Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu hin jiruu fi Muhaammad Ergamaa Rabbii ta'uu ragaa bahuudha, isaan kun lameen ruknii tokko, tokkoon isaanii kaan irraa gargar hin bahu, Garbichi tokkummaa Rabbiitii fi waan Isa malee jiru osoo hin taane Inni qofti ibaadaa akka haqa godhatu amaanaa haala ta'een, qajeelfama isitti hojjataa haala ta'een, ergaa Muhammaditti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- amanee isaan hordofaa haala ta'een isaan lameen (shahaadaa lameen) dubbata. Rukniin lammaffaa: Salaata dhaabuudha, isiinis Salaatawwan halkanii fi guyyaa keessatti dirqama ta'an shanani: salaata fajrii, zuhrii, asrii, maghribaa fi ishaa'ii yoo ta'an ulaagaa isaanii, ruknoowwan isaaniiti fi dirqamoota isaanii eeggatanii dhaabuudha. Rukniin sadaffaa: zakaa dirqamaa baasuudha, isiin ibaadaa qabeenyaa tan hunda hoorii likkii shari'aan murtaahe keessatti dirqama taatuudha, namoota isii haqa haqa godhataniif kennamti. Rukniin afraffaa: Hajjiidha, inni hojiilee adda addaa raawwachuuf Makkaa hamiluudha, Rabbii ol ta’e gabbaruuf jecha. Rukniin Shanaffaa: Sooma Ramadaanaati, inni barii irraa kaasee hanga aduun lixxutti niyyaa Rabbiin gabbaruutiin nyaata, dhugaatii fi wantoota sooma balleessan kan biroo irraa of qabuudha.
Abuu Sa'iid Al-kudriyyii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: "Isin irraa namni badii wohii arge harka isaatiin haa jijjiiru, kana yoo hin dandeenye arraba isaatiin, kanas yoo hin dandeenye immoo qalbii isaatiin, sun garuu irra dadhabaa iimaanaati".
MuslimNabiyyiiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga dandeettiitiin badii jijjiiruutti ajajan- inni hunda waan Rabbii fi Ergamaan Isaa irraa dhoorganiidha- Yeroo badii arge dandeettii kan qabu yoo ta'e harkaan jijjiiruun isa irratti dirqama ta'a, Sana yoo dadhabe immoo arraba isaatiin haa jijjiiru nama badii hojjatu badii sana irraa isa dhoorgee miidhaa isaa ifa isaaf gochee eegasii bakka badii kanaa gara toltuutti isa qajeelchuun, Sadarkaa isa kana yoo dadhabe immoo qalbii isaatiin haa jibbu, badiicha jibbuunii fi jijjiiruu kan danda'u osoo ta'ee nan jijjiira jedhee murteeffachuun, Badii jijjiiruu keessatti qalbiin jibbuun irra dadhabaa sadarkaa iimaanaati.
Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namtichi tokko ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, waan jaahiliyyaa (bara doofummaa ergamuu isaaniitiin duraa) keessatti hojjanneen ni qabamnaa?, isaanis ni jedhan: " Islaamummaa keessatti namni tolche waan jaahiliyyummaa keessatti hojjateen hin qabamu, islaamummaa keessatti namni balleesse immoo isa duraa fi isa boodaatiifis ni qabama".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadarkaa islaamummaatti seenuun qabu ibsani, Dhugumatti namni qulqulluu fi nama dhugaa ta'ee islaamummaan isaa tole; badii irraa waan jaahiliyyaa keessatti (islaamummaatti osoo hin dhufiniin duratti) hojjateef hin herregamu, Namni islaamummaa keessatti balleesse munaafiqa ta'uun yookaan amantaa isaa irraa deebi'uun, waan kufrii fi islaamummaa keessatti hojjateef herregama.
Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Namtichi wohii Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun gaafate: mee naaf himaa! salaatowwan dirqama taate yoon salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es haraama godhee, sana irratti homaa dabaluu dhabe, jannata nan seenaa? Ergamaanis: "eeyyeen" jedhan, namtichis: Wollaahii sana irratti homaa hin dabalu jedhe.
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni salaatowwan dirqamaa salaatee sunnaawwan irraa homaa isiitti hin daballe, ramadaana dirqamaas soomee sunnaa kan hin soomne, halaalummaa waan halaala ta'eettis amanee isa yoo hojjate, akkasumas haraamummaa waan haraama ta'eettis amanee isa irraa yoo fagaate, inni dhugumatti jannata akka seenu ibsani.
Abuu Maalik Al-Ash'arii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Qulqullummaan wolakkaa iimaanaati, Al-hamdulillaahiin (faaruun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo miizaana guutti, Subhaanallaah fi Wal hamdulillaahiin (Rabbiin qulqullaa'e jchuu fi faarun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo ni guutani -yokaan ni guuutti- gidduu samiiwwanii fi dachii. salaanni ifa akka ji'aati, sadaqaan immoo ragaadha, obsi ifa akka aduuti, qur'aanni siif ragaadha yookaan sirratti ragaadha, hundi namaatuu ganamaan bobba'uun lubbuu isaa gurgura, isii bilisoomsa yookaan isii balleessa".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- qulqullinni mul'ataan waduu'aa fi dhiqannaan akka ta'u himani, isiin immoo salaata keessatti ulaagaadha. Akkasumas jechi: "Al-hamdulillaah miizaana guuttii" inni Isa faarsuu fi sifaata guutuun Isa wossafuudha -Inni qulqullaa,e- guyyaa qiyaamaatti mazzanamuun miizaana hojiiwwanii guutti. Akkasumas jechi: "Subhaanallaah wal hamdulillaah" iinni hir'ina hunda irraa Isa qulqulleessuu fi Isa jaallachuu fi Isa guddisuu waliin guutina daangaa hin qabne kan guddina Isaatiif maluun Isa wossafuudha, isiin gidduu samiiwwanii fi dachiiti guutti. Salaanni garbichaaf qalbii isaa keessatti, fuula isaa keessatti qabrii isaa keessattii fi kaafamuu isaa keessatti ifa taatiif. "Sadaqaan ragaadha" iimaanni mu'uminaa dhugaa ta'uu isaatii fi munaafiqa isa sadaqaa dhoorgatu irraa adda ta'uu isaa irratti ragaadha, sababaa inni (munaafiqni) waan isiidhaaf beellamame hin dhugeessineef jecha. "Sabriin ifa akka aduuti" -inni dallanuu fi aaruu irraa lubbuu hidhuudha- ifa isa waliin ho'ii fi gubiinsi argamuudha, akka ifa aduutti; inni waan jabaa ta'eef lubbuutti qabsaa'uu fi waan isiin barbaaddu irraa isii hidhuu barbaada; abbaan isaa isa ibsataa qajeelaa karaa sirrii irratti itti fufaa ta'uu irraa hin deebi'u. akkasumas inni ajaja Rabbii guutuu irratti obsuu fi Isa faallessuu irraa obsuudha, akkasumas balaawwan irrattii fi duuniyaa keessatti gosoowwan rakkinaa irratti obsuudha. "Qur'aanni siif ragaadha" isa qara'uu fi itti hojjachuun, yookaan "sirrati ragaadha" itti hojjachuu dhiiisuuni yookaan isa qara'uu dhiisuuni. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- hundi namaatuu akka carraaqqatu hirriiba isaaniitii ka'anii mana isaaniitii ba'anii hojii isaanii addaa addaatiif jecha akka faca'an himani, Isaan irraa namni Rabbiif ajajamuu irratti gadi dhaabbatee lubbuu isaa ibidda irraa bilisa baaseeti jira, akkasumas isaan irraa namni isa sana irraa jallatee badii keessa bu'ee ibidda seenuun lubbuu isaa balleessee jira.
Mu'aaz irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Booda Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- Harree ufayr isaan jedhamu irratti duubaan yaabbadhee osoon jiruu, akkana naan jedhani: "Yaa Mu'aaz! haqa Rabbii kan gabroota Isaa irra jiruu fi haqa gabrootaa kan Rabbirra jiru ni beektaa?", Rabbii fi ergamaa Isaatu beekan jedhe, Ergamaanis ni jedhani: "Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha", nan jedhe: yaa Ergamaa Rabbii namootaa ittiin gammachiisuu? Ergamaanis ni jedhani: "isaan hin gammachiisin, ni hirkataniitii (kanuma irratti hirkatanii hojii biraa dhiisu waan ta'eef jecha)".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- haqa Rabbiin gabroottan irraa qabuu fi haqa gabroottan Rabbiirraa qaban if galchan, haqni Rabbiin gabroota irraa qabu Isatti waan tokko osoo hin qindeessin Isa qofa gabbaruudha, Haqni gabroonni Rabbirraa qaban worra Isatti homaa osoo hin qindeessine Isa tokkichoomsan azzabuu dhabuudha. Eegasii Mu'aaz ni jedhe: yaa ergamaa Rabbii, namoonni akka gammadanuuf tola guddaa kanaan isaan gammachiisuu? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan namoonni isa irratti hirkatanii hojii dhiisu jedhanii sodaataniif isa dhoorgani.
Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namichi wohii gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa ergamaa Rabbii! raggaasisoon lameen maali? ergamaanis ni jedhani: "Namni haala homaa Rabbiitti hin qindeessineen du'e jannata seene, namni haala waa tookko Rabbitti qindeessuun du'e immoo ibidda seene".
MuslimNamichi wohii waan lama kan jannata seenuu dirqama taasisanii fi kan ibidda seenuu dirqama taasisan maali jedhee Nabiyyii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafate? Akkas jechuun isaanis -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaaf deebisan: wanti jannata dirqama taasisu ilmi namaa haala Rabbiitti homaa hin qindeessineen Isa qofa osoo gabbaruu du'uudha, Wanti ibidda dirqama taasisu immoo ilmi namaa haala Rabbitti qindeessuun haala inni gabbarummaa isaa keessatti yookaan gooftummaa Isaa keessatti yookaan maqoowwanii fi sifaatowwan Isaa keessatti Isaaf fakkaataa fi hiriyaa taasisuun du'uudha.