





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Sa’iid bin Al-Musayyaab Abbaa isaa irraa odeesse akkana jedhe: Gaafa Abuu Xaalibitti duuti dhufte Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu gara isaatti dhufanii isa biratti Abu Jahlii fi Abdullaah bin Abii Umayyah bin Al-Mughiirah argan, eegasii akkana jedhaniin: "Yaa abbeeraa koo jedhi: Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, jecha Rabbiin biratti isaan siif mormu jedhi", Abu Jahlii fi Abdullaah bin Umayyaas akkas jedhaniin: Karaa Abdul muxxalib irraa of duuba deeb'uu barbaaddaa? Ergamaanis Nagaa rahmanni isaan irratti haa jiraatuu jecha sana isa irra fiduu irraa hin deemne, isaanis akkas jechuu deddeebisuu hin dhiifne, hanga Abuu xaalib jecha xumurarratti isaan dubbise keessatti akkana jedhuutti: Ani karaa Abdul muxxalib jira, Laa ilaaha illallaah jechuu ni dide, ni jedhe (Al-musayyab): Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkas jedhaniin: "Rabbiin kakadhee hangan sirraa hin dhoorgaminitti araarama siif kadhadha", eegasii Rabbiin aayaa akkas jedhu buuse: {Mushrikootaaf araarama kadhachuun Nabiyyii fi warra amananiif hin malu} [Tawbaa: 113], Waa’ee Abuu xaalib keessatti Rabbiin aayaa buusuun Ergamaa Isaatiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhe: {Ati Nama jaallattu hin qajeelchitu, garuu Rabbiitu nama fedhe qajeelcha} [Qasas 56].
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- abbeeraa isaanii Abuu Xaalib haala inni du’aa jiruun irratti ol seenanii, akkas jedhaniini: Yaa abbeeraa koo, akkana jedhi: "Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru", jecha ani Rabbiin biratti ittiin ragaa siif bahu, Abuu Jahlii fi Abdullaah bin Abii Umayyaas akkana jedhan: Yaa Abuu Xaalib karaa abbaa kee Abdul Muxxalib dhiiftaa?! Innis(karaan Abdul muxxalib) taabota gabbaruudha, jarri lameen isa dubbisuu irraa hin deemne hanga inni jecha dhumaa kan isaan jarattii dubbise keessatti akkana jedhutti: (ani) karaa Abdul Muxxalib irra jira, karaa shirkii fi taabota gabbaruudhaa, Nabiyyiiniis nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkana jedhan: waan Rabbiin kiyya araarama siif kadhachuu irraa na hin dhoorginiin araarama siif kadhadha, eegasii jechi Rabbii ol ta’ee kun ni bu’e: {Nabiyyii fi warra amananiif, mushrikootaaf (Rabbiin) araarama kadhachuun kan malu hin taane, osoo firoota dhihoo ta’anillee, erga warra jahannam ta’uun isaanii ifa isaaniif ta’ee booda} [Tawbah: 113] Waa'ee Abuu Xaalib keessatti jechi Rabbii Ol ta'ee kun bu'e: {Ati nama jaallatte hin qajeelchitu, garuu Rabbiitu nama fedhe qajeelcha, Inni warra qajeelan hunda caalaa beekaadha} [ِAl-qasas: 56]. Ati nama qajeelloo isaa jaallatte hin qajeelchitu, dirqamni kee ergaa geessuudha, Rabbiin nama fedhe ni qajeelcha.
Abuu Muusaa Al-Ash’arii irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: "Fakkeenyi mu’umina Qur’aana dubbisu akka turungooti, urgaan isaa namatti tola, mi’aan isaas namatti tola, Fakkeenyi mu’umina Qur’aana hin dubbisnee akka timiraati, urgaa hin qabu, mi'aan isaa ammoo mi'aawaadha, Fakkeenyi munaafiqa Qur’aana dubbisu akka baala rihaanaati, urgaan isaa namatti tola, mi’aan isaa ammoo hadhaa’aa dha, Fakkeenyi munaafiqa Qur’aana hin qaraanee akka harregoogeti urgaa hin qabu, mi'aan isaa ammoo hadhaa’aadha".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu Qur’aana dubbisuu fi irraa fayyadamoo ta’uu ilaalchisee gosoota namootaa ibsaniiru: Ramaddiin tokkoffaa: Mu’umina Qur’aana dubbisee irraa fayyadamu, innis akka firii turongooti, mi’aa gaarii, urgaa fi halluu bareedaa qaba, faayidaan isaa baay’eedha, inni waan dubbisutti ni hojjeta, gabroota Rabbiis ni fayyada. Lammaffaan: Mu’umina Qur’aana hin qaraane, inni akka timiraati, mi’aawaadha, garuu urgaa hin qabu, akkuma timirri keessoo isaatti mi'aa of keessaa qabutti qalbiin isaas iimaana qabateera, akkasumas akkuma timirri urgaa tokkollee kan namni fuunfatu of keessaa hin qabne innis urgaa hin qabu, sababni isaas qiraatin namoonni ishee dhaga’uun boqatan waan isa bira hin jirreef jecha. Sadaffaan: Munaafiqa Qur'aana dubbisu, inni akka rihaanaati, urgaa gaari qabdi, garuu dhamdhamaan ishee hadhaa'aadha, sun waan inni qalbii isaa Qur'aanan bareechee itti hin hojjatiniif jecha, sanuma waliim fuldura namootatti mu'umina ta'ee mul'ata, urgaan ishee gaarin qiraatii isaatti fakkaata, dhamdhamaan ishee hadhaa'aan kufrii isaatti fakkaata. Afraffaan: Munaafiqa Qur’aana hin dubbisne, inni akka harregoogeeti, urgaa hin qabdu, dhamdhamaan ishee ammoo hadhaa'aadha, urgaa dhabuun ishee urgaa dhabuu isaatti fakkaate, hadhaan mi'aa ishee ammoo kufrii isaatti fakkaata, keessoon isaa kan Iimaana hin qabne yoo ta'u, alaan isaa ammoo faayidaa tokkollee hin qabu, inumaayyuu inni dhugaa dubbachuuf miidhaa qaba.
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Hanga aduun karaa dhiha isiitiin baatutti qiyaamaan hin dhaabbatu, yeroo achiin baatetti namoonni isii argan hundi isaaniituu ni amanu, sun yeroo (Rabbiin akka qur'aana isaa keessatti jedhetti): {lubbuu sana dura hin amanin, yookaan iimaana isii keessatti toltuu hin hojjatin tokko iimaanni isii homaa isii hin fayyanneedha} [Al-an'aam: 158] dhugumatti namoonni lama huccuu isaanii gidduu isaaniitti gurgurtaaf jecha diriirsanii osoo isaan wal irraa hin bitinii fi osoo isaan hin maratin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti namichi aannan dhuguuf jecha gaala isaa elmatee osoo inni hin dhugin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti namni tokko naanniga isaa sirreeffatee ka'ee osoo inni irraa hin obaasin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti tokkoon keessan nyaata isaa afaan isaatti ol fudhatee ka'ee osoo inni isa hin nyaatin qiyaamaan dhaabbatti".
Al-Bukhari and MuslimErgamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mallattoolee qiyaamaa guddoo keessaa aduun karaa bahaa dhiiftee karaa dhihaatiin bahuu akka ta'ee fi namoonni yeroo isii arganitti hundi isaanii akka amanu himani, Yeroo sanatti kaafira iimaanni isaa isa hin fayyadu, akkasumas hojiin gaarii fi tawbaanilleen isa hin fayyadu. Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qiyaamaan akka tasa dhuftuu fi namoonni haalotaa fi dhimmoota isaanii irra jiranuu akka dhaabbattu himani; Kan gurguruu fi kan bitu huccuu isaanii gidduu isaaniitti diriirsanii oso walitti hin gurgurinii fi osoo hin dachaafatin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi haala aannan gaala isaa tan elmamtu qabatee osoo inni isa hin dhugin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi naanniga isaa dhoqqeen tolfatee osoo isa irraa hin obaasin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi haala gurshaa isaa nyaachuuf jecha gara afaan isaatti ol fudhateen osoo inni isii hin nyaatin qiyaamaan dhaabbatti.
Adiyyi bin Haatim irraa odeeffamee, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: "Yahuudoonni dheekkamsa Rabbii jala galanii jiru, Kiristaanonni immoo jallatoodha".
At-TirmidhiNbiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yahuudonni ummata Rabbiin itti dallane ta’uudha himan; Sababni isaas waan isaan dhugaa beekanii itti hin hojjatiniif jecha. Kiristaanonni immoo ummata karaa haqaa irraa maqan ta'uudha himan; sababni isaas beekumsa malee waan hojjataniif jecha.
Abdullaah ilma Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- dhugumaan Nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Aayaa tokkollee taatu ana irraa geessaa, banii israa'iil irraas odeessaa badii hin qabuutii, namni beekaa ana irratti sobe ibidda keessatti teessuma isaa haa mijjeeffatu".
Al-BukhariNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- beekumsa Qur'aanaa yookaan Hadiisaa isaan irraa geessuutti ajajan, osoodhuma wantichi geeffamu muraasa ta'eellee, akka Aayaa takka tan Qur'aanaa, yookaan Hadiisa tokkooti, ulaagaa waan geessuu fi itti waamu sana beekuutiin. Eegasii banii israa'iil irraa taatewwan isaan mudatte kan shari'aa keenya hin faallessine yoo ta'e odeessuun rakkoo akka hin qabne ifa galchan. Eegasii isaan irratti sobuu irraa sodachisan, namni beekaa isaan irratti sobe lubbuu isaatiif ibidda keessatti mana haa godhatu jedhan.
Miqdaam ilma Ma'adii karib irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Dhaga'aa! nama wohii osoo inni siree isaa irra hirkatee jiruu hadiisni ana irraa isaa qaqqabee jennaan, akkas jedha: gidduu keenyaa fi gidduu keessanitti kitabni Rabbii jira, waan isa keessatti halaala ta'ee argine halaala godhanna, waan isa keessatti haraama ta'ee argine haraama godhoona, dhugumatti wanti ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- haraama godhe akkuma waan Rabbiin haraama godheeti".
Ibn MaajahNabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti yeroon nama irraa gosti wohii taa'ee akkas jedhu dhihaate jedhan, tokkoon isaanii siree isaa irratti hirkatee, hadiisni nabiyyii irraa isa gahee jennaan -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedha: kan dhimmoota keessatti gidduu keenyaaf gidduu keessan adda baasu qur'aana kabajamaadha inni nuuf gaha, halaala irraa waan isa keessatti agarre isatti hojjana, haraama irraa waan isa keessatti agarre isa irraa fagaanna. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- hundi wanti isaan haraama godhanii yookaan hadiisa isaanii keessatti irraa dhoorganii inni murtoo keessatti akkuma waan Rabbiin qur'aana Isaa keessatti haraama godhee akka ta'e ifa galchan, waan isaan dhugumatti Rabbii isaanii irraa kan geessan ta'niif jecha.
Irbaad bin Saariyaa irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:- Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafa tokko nu gidduu dhaabbatanii gorsa jibaa qalbiin irraa sodaattee ijji irraa imimmaan dhangalaafte nu gorsan, eegasii ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii Gorsa nama nagaa namatti dhaammatuu nu gorsitanii, nuu dhaamaa, isaanis ni jedhan: "Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qaleeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa, ilkaan a'ootiin isirratti ciniinaa, wantoota haaraa bid'aa ta'an irraa fagaadhaa, hundummaan bid'aatuu jal’ina waan ta’eef".
Abu DawoodNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sahaaboota isaanii gorsa jabaa qalbiin irraa sodaatte, kan ijji irraa imimmaan dhangalaafte gorsanii jennaan, Isaanis akkana jedhaniin: Yaa Ergamaa Rabbii gorsi kun gorsa dhaammataati fakkaata, gorsicha keessatti jabeessuu isaanii waan arganiif akkas jedhaniin, kanaafuu dhaamsa booda isaanitii isa qabatanii irra jiraatan isaan irraa barbaadan, Isaanis akkana jedhan: dirqamoota raawwachuu fi dhoorgaalee dhiisuun Rabbii ol ta'e sodaachun isinii dhaama, Akkasumas hooggantootaaf dhagayuu fi ajajamuudhaan isinii dhaama, osoo gabrichi wahii isinirratti moohellee, kana jechuunis uumama keessaa inni gadi aanaan bulchaa keessan ta’ellee hin didinaa isa tole jedhaa, fitnaan faca'uu soodaaf jecha, isin keessaa namni jiraate waldhabdee hedduudha arguuf taa'a. Eegasii karaa waldhabdee kana irraa ittiin bahan isaanii ibsan, sun sunnaa isaaniitii fi sunnaa qajeeloo fi qajeelfamoo booda isaanitii ta'an kan akka Abuu Bakr alssiddiiq, Umar bin Al-khaxxaab, Usmaan bin Affaani fi Aliyyi bin Abii Xaalibii qabachuudhaani, Rabbiin isaan hunda irraa haa jaallatu, akkasumas a'oo xumura ilkaanitti jiruun irratti ciniinuudhaani, kana jechuun sunnaa qabatanii itti hojjachuu keessatti cimuudha baana, Wantoota bid'aa ta'an kan guyyaa keessaa amantii keessatti argamsiifaman irraa isaan akeekkachiisan, hundummaan bid'aa jal'ina waan ta'eef jecha.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa laallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Namni itti yaadee ana irraati sobe ibidda keessatti teessoo isaa haa qopheeffatuu”.
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni itti yaadee isaan irratti jecha ykn gocha tokko isaanitti hirkisuun sobe/kijibe soba sanaaf jecha mindaa isaa haala ta'een isaaf teessootu ibidda keessatti jiraaf jechuudha ibsan.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jirtuunan kakadha, namni tokko ummatattii kana irraa yahuudaas ta'ee kiristaanas waan koo dhaga'ee, ergasii waan ani ittiin ergametti osoo hin amanin kan du'u yoo ta'e worra ibiddaa irraa ta'u malee hin hafu".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni tokko ummata tana irraa Yahuudas ta'ee, yookaan Kiristaana yookaan kan biraa waamichi Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa bira gayuun waa'ee isaanii dhaga'ee isaanitti osoo hin amanin kan du'u yoo ta'e worra ibiddaa irraa ta'u malee hin hafu, ibiddaa sanaan keessa abaditti kan turu haala ta'een jechuu irratti Rabbitti kakatan.