





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Umar ilma Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Gaafa tokko nuti Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bira taa'aa osoo jirruu, akka tasaa namichi huccuun isaa haalaan adii ta'e, rifeensi isaa immoo haalaan gurraacha ta'e, kan faanni imalaa isa irratti hin mul'annee fi nurraa namni tokkollee kan isa hin beekne nutti ba'e, dhufee Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaaan irratti haa buusu- bira taa'ee jilba isaa gara jilba isaaniitti hirkisee, ganaa harka isaa lameen sarbaa isaanii irra kaa'atee, yaa Muhammad, islaamummaa irraa natti himi jedheen, Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-: " islaama jechuun Allaaha malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad immoo ergamaa Allaahaati jettee ragaa ba'uudha, salaata dhaabuudha, zakaa kennachuudha, ramadaana soomuudha, yoo karaa dandeesse mana Rabbii hajja'uudha jedhaniin, innis dhugaa dubbatte jedheen, ni jedhe (umar): isa dinqisiifanne, ni gaafataa (deebiin isaa akkka sirrii ta'e) immoo isa dhugoomsee mirkaneessaaf, itti aansuun ni jedhe: Iimaana irraa naaf himi, isaanis ni jedhan: "Allaahaatti, malaa'ikota Isaatti, kitaabbowwan Isaatti, ergamtoota Isaatti, guyyaa dhumaatii fi qadara toltuu fi hamtuu isaatti amanuu". innis dhugaa dubbatte jedheen, ammas ni jedhe: Ihsaana irraa naaf himi (toltuu hojjachuu), isaanis ni jedhan: "Akka waan Isa agartuutti Allaaha gabbaruudha, ati yoo Isa hin agarrellee Inni si arga waan ta'eef". ammas ni jedhe: qiyaamaa irraa naa himi, isaanis ni jedhan: "Waan isii irraa gaafatamaan gaafataa caalaa waan beeku hin qabu". innis ni jedhe: mallattoo isii irraa naaf himi, isaanis ni jedhan: "Gabrittiin rabbii isii da'uu fi tiksitoota re'ee kan miila qullaa huccuu irraas qullaa ta'an ijaarsa keessatti kan wol dorgoman arguu keeti". ni jedhe (Umar): eegasii ni deeme, xiqqo nan ture, eegasii akkas naan jedhani: "Yaa Umar hoo gaafataan eeenyu akka ta'e beekataa?", Allaahaa fi Ergamaa Isaatu beekan jedheeni, isaanis ni jedhan: "Inni Jibriil ture amantaa keessan isin barsiisuuf jecha dhufe".
MuslimUmar -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Jibriil -nagaan isa irra haa jiraatu- fakkii nama hin beekamneetiin sahaabotatti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akka dhufe hima, haala isaa irraa huccuun isaa hedduu adiidha, rifeensi isaas hedduu gurraacha, dadhabbii, quxxoo, rifeensi isaa adda faca'uu fi huccuun xuraawuu irraa faanni imalaas isa irratti homaa hin mul'atuudha, akkasumas namoota yeroo sana achi turan irraa namni tokko isa hin beeku, osoo isaan Nabiyyii bira -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu -taa'ani jiranuu Nabiyyii fuuldura taa'icha akka barataatti taa'ee, Islaamummaa irraa isaan gaafate, achumaan arkaanattii tana tan shahaadaa lameen raggaasisuu, salaata shanan eeggachuu, nama isii haqa godhatuuf zakaa kennuu, ji'a ramaddaanaa soomuu fi nama danda'u irratti dirqama hajjii geessuu kan taateen isaaf deebisani. Gaafataanis ni jedhe: dhugaa dubbatte, sahaabonnis gaaffii isaa kan akka hin beekne akeekuu fi eegasii immoo akka nama beekuutti deebisee dhugoomsuu isaa irraa dinqisiifatani. Eegasii Iimaana irraa isaan gaafatee, isaanis arkaanattii jahan Allaahaan ol ta'e jiraachuu fi sifoottan Isaatti amanuu, akkasuma hojii Isaa kan akka uumuu faatiin Isa tokkichoomsuu, akkasuma malaa'ikonni kan Rabbiin ifa irraa isaan uume gabroota kabajamoo kan Rabbii ol ta'e hin faallessinee fi ajaja Isaatiin kan hojjatan ta'uu isaaniitti amanuu, akkasuma kitaabowwan Rabbii ol ta'e biraa ergamtoota Isaa irratti bu'an kan akka qur'aanaa, tawraat, injiilii fi kanneen birootti amanuu, akkasuma ergamtoot Rabbiin irraa ergaa geessan, isaan irraa Nuuh, Ibraahiim, Muusaa, Iisaa fi xumura isaanii Muhammaditti amanuu -nageenyi Rabbii cufa isaanii irra haa jiraatu- akkasuma nabiyyootaa fi ergamtoota kan biroottis amanuu, guyyaa dhumaatti amanuu, wanti booda du'aati jiru qabrii fi jireenyi dahoos(jireenya booda du'aatii hanga qiyaamaatti jiru) isa keessa gala, ilmi namaa booda du'aatii ni kaafama akkasumeeti herregama, deebiin isaa gara jannataa yookaan gara ibiddaa ta'a, akkasuma Rabbiin haala beekumsi Isaa dursee, hikmaan isaa akeekteen, akkaataa waan sana barreessee fi isa fedheen wantootii murteessee akka jiru amanuu, isiinis akkaataa Inni itti murteessee fi isaan itti uumeen argamaniitti amanuudha jechuudhaan deebisaniif. Eegasii Ihsaana (tola ooluu) irraa isaan gaafatee jennaan, isaanis akkana jedhanii deebisaniif: ihsaanni akka waan Isa arguutti Rabbiin gabbaruudha, sadarkaa kana ga'uun yoo isaaf hin argamne akka waan Rabbiin isa ilaalaa jiruutti Rabbiin haa gabbaruu, inni jalqaba sadarkaa ilaalchaati, inni sadarkaa olaanaadha, lammaffaan sadarkaa to'annaati. Eegasii qiyaamaan yoomi jedhee gaafate? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- beekumsi qiyaamaa waan Rabbiin beekumsa isaa of qofaa godhate keessaa tokko akka ta'ee fi uumamtoota keessaa tokkoyyuu akka isa hin beekne fi isa irraa gaafatamaan gaafataa irra kan hin beekne akka ta'e ibsaniif. Eegasii mallattoo qiyaamaa irraa isaan gaafate? mallattoo isii irraa gabrittiiwwanii fi ilmaan isii heddummachuu, yookaan ilmaan haadha isaaniitti jallachuu hanga akka gabrittiitti walitti dhufeenya isaanii waliin taasisanutti, akkasumas dhuma yeroo keessatti tiksitoonni re'ee fi rakkattoonni duuniyaan isaanitti gadhiifamtee, ijaarsa ijaaruu fi isa bareechuu keessatti wol dorgomuu akka ta'e ifa galchaniif. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafataan jibriil akka ta'ee fi sahaabota diinii qajeelaa kana barsiisuuf akka dhufe himani.
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa haa jaallatuu- ni jette: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Amantii keenya kana keessatti waan isa keessa hin jirre namni argamsiise inni isuma irratti deebimaadha" Bukhaari fi Muslimtu odeessan. Akka Muslim gabaasetti: “Namni hojii amantii keenya keessa hin jirre hojjate inni isuma irratti deebifamaadha".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni amantii kana keessatti waa kalaqe ykn waan Qur’aanaa fi Hadiisa irraa ragaa hin qabne hojjate inni abbuma hojjate san irratti akka deebifamuu fi Rabbiin biratti fudhatama akka hin qabne ibsan.
Abuu Zarrii irraa odeeffame -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-: Nabiyyii irraa odeeffame -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii ol ta'e irraa odeessaniin keessatti Rabbiin akkas jedhe: "Yaa gabroottan koo ani lubbuu koo irratti miidhaa haraama taasiseen jira, akkasumas gidduu keessanittis haraama taasiseen jira, wal hin miidhinaa, yaa gabroottan koo! hundi keessanuu jaallataadha nama ani isa qajeelche malee, qajeeluma narra barbaadaa isinin qajeelchaa, yaa gabroottan koo! nama ani nyaachise malee hundumti keessanuu beela'aadha, nyaachisa narra barbaadaa isinini nyaachisaatii, yaa gabroottan koo! hundumtu keessanuu qullaadha nama ani offise malee, uffisa narra barbaadaa isinin uffisaatii, yaa gabroottan koo! isiin halkanii fi guyyaa keesatti ni dogongortani ani immoo badii hundan dhiisa waan ta'eef dhiifama narra barbaadaa isiniifan dhiisaatii, yaa gabroottan koo! isin na miidhuutti geessanii na miidhuu hin dandeessanu, akkasumas na fayyaduutti geessanii na fayyaduu hin dandeessanu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan hundi haala qalbii nama isin keessaa irra Rabbiin sodaataa ta'ee irratti ta'anii sun aangoo kiyya irratti homaa hin dabalu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan hundi haala qalbii nama isin keessaa irra cubbamaa ta'ee irratti ta'anii sun aangoo kiyya irraa homaa hin hir'isu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan dirree tokko irra dhaabatanii na gaafatanii jennaan nama hundaafuu waan gaaffii isaa isaaf kennee sun waan na bira jiru irraa hanga lilmeen bahra yeroo buute hir'istu malee homaa hin hir'isu, yaa gabroottan koo! isiin tun hojiidhuma keessan qofa isiidhuman isiniif lakkaa'aa, eegasii isiidhuman mindaa isiniif galcha, kanaafuu namni toltuu arge Rabbiin haa galatoomfatu, waan sanaan alaa namni arge lubbuu isaa malee hin komatin)
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuudha ifa galchan: Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e miidhaa ofirratti haraama godhee, uumamaa Isaa gidduuttis miidhaa haraama godhe, kanaafuu namni kamuu nama kamuu miidhuu hin danda'u. Akkasumas uumamni hunduu qajeelcha Rabbiitii fi tawfiiqa Isaa malee karaa haqaa irraa jallataadha, nama Rabbiin qajeelcha kadhate Rabbiin isa waffaqee isa qajeelcha, Akkasumas uumamni hunduu dhimmoota isaanii hunda keessatti gama Rabbiitti rakkatoo fi Isatti haajamoodha, namni Rabbiin gaafate dhimma isaa isaaf baasa isaafis gahaadha, Akkasumas isaan halkanii fi guyyaa badii hojjatani, Rabbiin ol ta'e yeroo gabrichi dhiifama isa gaafatu isa sattaree irra isaaf darba, Akkassumas isaan waan tokkoon Rabbiin miidhuu yookaan fayyaduus hin danda'anu Akkasumas osoo haala qalbii nama irra Rabbiin sodaataa ta'ee irratti ta'aniis sodaan isaanii sun aangoo Rabbii irratti homaa hin dabaltu, Akkasumas osoo haala qalbii irra cubbamaa namaa irrattii ta'aniis cuubbuun isaanii sun aangoo Isaa irraa homaa hin hir'isu; isaan dadhaboo rakkatoo haala hunda, yeroo hundaa fi iddoo hunda keessatti gara Rabbiitti haajamoo waan ta'aniifi, Inni qulqullaa'e isatu dureessa of gahaadha, Akkasumas osoo namni isaanitii fi jinniin isaanii jalqabnii fi xumurri isaanii bakka tokko dhaabbatanii Rabbiin gaafatanii jennaan hunda isaaniitiifuu waan isaan gaafatan kenneefii, sun waan Rabbiin bira jiru irraa homaa hin hir'isu, akka lilmee yoo bahra seensifamtee eegasii baafamtee jennaan baharri sanaan homaa hin hir'anneetti, kun durummaan Isaa -Inni qulqullaa'e- guutuu waan ta'eefi. Rabbiin qulqullaa'e hojiiwwan gabrootaa tiksee isaan irratti lakkaa'a, eegasii guyyaa qiyaamaa isiidhumaan isaan mindeessa, kanaafuu namni mindaa hojii isaa khayrii haala ta'een arge Isaan buluutti waan isa qajeelcheef Rabbiin haa galatoomfatu, namni mindaa hojii isaa waan sanaan alaa t'uu arge lubbuu isaa kan hamtuutti ajajdu isii kasaaratti isa geessite sana malee homaa hin komatin.
Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Gaafa tokko booda Ergamaa Rabbiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ture, ni jedhani: " Yaa gurbaa!, ani jechootawwanin si barsiisa, Rabbiin tiksi Inni si tiksaatii, Rabbiin tiksi fuuldura keetti Isa argattaatii, yeroo kadhatte Rabbiin kadhadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu, beeki! ummanni guutuun waan tokkoon si fayyaduuf jecha osoo walitti qabamanii, waan Rabbiin sila siif barreesseen malee homaa woma tokkoon si fayyaduu hin danda'anu, akkasumas waan tokkoon si miidhuuf jecha osoo walitti qabamani, waan Rabbiin sila sirratti barreesseen malee homaa woma tokkoon si miidhuu hin danda'anu, qalamiiwwan kaafamte, barruuleewwan gogde".
At-TirmidhiIbnu Abbaas -Rabbi isa irraa haa jaallatu- gurbaa xiqqoo nabiyyii waliin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- uddeelluu yaabbata ture, Nabiyyiin -rahmannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- ani wantoota Rabbiin ittiin si fayyadun si barsiisa isaan jedhani: Ajaja Isaa tiksuu fi dhoorgaa isaa irraa fagaachuun Rabbiin tiksi, bakka Inni kheyrii hojachuu fi Isatti dhihaachuu keessatti si arguutti, akkasumas bakka Inni badiiwwanii fi diliiwwan keessatti si hin agarreetti, yoo sana hojjate mindaan kee hamtuu duuniiyaa fi Aakhiraa irraa Rabbiin si eeguu fi garamuu deemtu dhimmoowwan kee keessatti siif tumsuu ta'a. Waan tokko gaafachuu yoo barbaadde, Rabbiin malee hin gaafatin, kan gaafataaf deebsu Isuma qofa waan ta'eef. Gargaarsa yoo barbaadde immoo Rabbiin malee hin gargaarsifatin. Worri dachii hundi si fayyaduu irratti osoo walitti qabamanii waan Rabbiin siif barreesse malee fayidaan kamuu akka siif hin argamne shakkii tokko malee baeekuu qabda, akkasumas worri dachii irraa hundi si miidhuuf jecha osoo walitti qabamanii waan Rabbiin sirratti murteesseen malee homaa akka si miidhuu hin dandeenye shakkii tokko malee beekuu qabda. Waan kana dhugumaan Rabbiin -injifatee fi guddate- ogummaan Isaati fi beekumsi Isaa akka akeekuun isa barreessee fi isa murteessee jira, waan Rabbiin barreesse jirjiruun gonkuma hin danda'amu.
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Hundi ummata kootii jannata ni seenu nama dide malee", yaa Ergamaa Rabbii enyuma kan didu? jedhan (sahaaboonni), Ergamaanis ni jedhan: "Namni naaf ajajme jannata seene, namni na faallesse immoo dhugumatti jannata didee jira".
Al-BukhariNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama dide malee hundi ummata isaanii jannata akka seenan himani. Sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhan: Eenyu inni didu yaa Ergamaa Rabbii?! Namni ergamaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jala butamee, isaan hordofee fi isaaniif ajajamee jannata seena, namni isa faallesse kan shari'aan hin bulle immoo hojii isaa badduudhaan dhugaan jannata seenuu didee jira jedhanii deebii isaaniif kennan.
Ibnu Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Namni ummata wohiitti fakkaate inni isaan irraayi".
Abu DawoodNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni ummattootatti fakkate kaafiroota irraa ta'anus yookaan finciltoota irraa ta'anus yookaan gaggaarii irraa ta'anus, aqiidaa yookaan ibaadaa yookaan aadaa irraa waan adda isaan godhu wahii hojjachuun namni isaanitti fakkaate inni isaan irraa akka ta'e himani; alaan jaratti fakkachuun keessaan gara jaratti fakkaachuutti waan nama geessuuf jecha, ummata wahiitti fakkachuun jara dinqisiifachuu irraa akka maddu mamiin hin jiru, kun gara jara jaallachuu, kabajuu fi gara jaraatti dabuutti geessuun isaa ni mala, kun immoo -Rabbiin nu haa eeguutii- keessoottii fi ibaadaadhaan gara jaratti fakkaachuutti nama gessuu isaatu mala -
Abdullaah bin Masu'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedheetiin gaafadhe: Rabbiin biratti dilii kamitu irra guddaadha? isaanis akkana jedhan: “Osoo inni si uumee jiruu, Rabbiif fakkaataa gochuudha” anis nan jedhe: sun waan guddaadha. ammas nan jedhe: Eegasii hoo? Isaanis ni jedhan: “Ilma kee si waliin nyaachuu sodaaf jecha ajjeesuudha", nan jedhe: eegasii hoo? Isaanis ni jedhan: “haadha manaa ollaa keetitti sagaagalummaa raawwachuudha”.
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra guddaa diliiwwanii irraa gaafatamanii akkana jedhan: Irra guddaan ishee shirkii guddaadha, Innis gooftummaa Isaa keessatti yookaan gabbartii Isaa keessatti yookaan maqaa fi sifawwan Isaa keessatti fakkaataa Rabbiif gochuudha, dilii kana tawbaadhaan malee Rabbiin ol ta'e dhiifama hin godhu, abbaan isaa osuma isatti jiruu yoo du’e inni ibidda keessatti zalaalam ta'a. Eegasii namni tokko ilma isaa na waliin nyaata jedhee sodaatee isa ajjeesuudha, Lubbuu ajjeesuun ammoo haaraama, Garuu diliin isaa yoo inni ajjeefame sun ajjeesaan waliin firooma qabaate ni guddata, ammas diliin isaa kan guddatu yeroo yaadni nama ajjeesee sun namni ajjeefame kun rizqii Rabbiin kenneef isa waliin qooddataa sodaaf ta'eeedha. Eegasii namni tokko haadha manaa ollaa isaa gowwoomsuun akka isiin isaa bitamtu gochuun isii waliin sagaagalummaa raawwachuudha. Sagaggaalummaan haraama, garuu namni sagaggaalummaan itti raawwatamu haadha manaa ollaa kan shari’aan tola isatti ooluu, gaarii isaaf yaaduu fi isaan waliin jireenya gaarii jiraatutti ajaje yoo taate diliin isaa ni guddata.
Abuu Ayyuub Al-ansaarii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Nama tokkoof halkan sadi'ii ol obboleessa isaatiin ooduun hin eeyyamamuuf, yeroo wol araganutti kunis irraa garagala sunis irraa garagala, irra caalaan isaanii isa salaamataan eegalu".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslimni obboleessa isaa muslimaatiin halkan sadi'ii ol ooduu dhoorgani, isaan lameenuu yeroo wol arganutti wol irratti salaamataa hin jedhanu, akkasumas wolis hin haasofsiisanu. Caalaan worra wol lolan lameen kanaa nama ooda dhabamsiisuuf yaali godhuu fi salaamataan eegaluudha, oodni asitti itti fedhame fedhii lubbuutiif jecha woliin ooduudha, haqa Rabbiitiif jecha ooduun immoo akka worra badii hojjatanuu fi worra baasaatiin ooduufaa, akkasumas waahila badaadhaan ooduu faa, kun yeroon hin daangeffamu, inni bu'aa oodaatti rarraafama, inni dhabamuun dhabama.
Abuu Sirmaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Nama miidhe Rabbiin isa miidha, akkasumas nama rakkise Rabbiin isa rakkisa".
Ibn MaajahNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu muslimatti miidhaa seensisuu irraa sodaachisan, yookan amrii kamuu keessatti lubbuu isaa yookaan qabeenya isaa yookaan maatii isaa keesattis ta'ee rakkinaa fi dhiphina isatti seensisuu irraa sodaachisan, nama sana hojjate Rabbiin fakkaataa hojii isaatiin mindeessee isa adaba.