





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Sufyaan bin Abdullaah Al-Thaqafii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nin jedhee: Yaa Ergamaa Rabbii, Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu".
MuslimSahaabaan Sufyaan bin Abdullaah -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- jecha hiikkaa Islaamummaa hunda of keessaatti hammate kan isa qabatee nama isaan hin tahin hin gaafanne akka isa barsiisan Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafate? Ergamaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhaniini: jedhi: Rabbiin tokkochoomse, Inni gooftaa kiyya, uumaa kiyyaa fi haqaan gabbaramaa kiyya kan hiriyaa hin qabne ta'uu itti amane, Sana booda dirqama Rabbii raawwachuu fi dhoorgoowwan Rabbii dhiisuudhaan ajajaa Rabbii jala butamee achumaan itti fufa.
Abdullaah ilama Amrii ilam Aas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee, galmee sagaltamii sagal isatti gadi baasa, galmeen hunduu hanga agartuu ijaati, eegasii ni jedhaan: kana irraa waa tokko ni mormitaa? barreessitoonni koo eegdonni si miidhanii jiruu? innis ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbiin ni jedhaan: rakkoo himattu ni qabdaa? ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbis ni jedha: ee toltuutu nu bira siif jira, dhugumatti hardha sirratti miidhaan kamuu hin jiru, eegasii kaardii isii keessa: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru Muhammad immoo gabricha Isaatii fi ergamaa Isaati jettuutu gadi baafama, eegasii Rabbiinis ni jedha: miizaana kee irratti argami, namtichiis ni jedha: kaardittiin tun galmee hedduu kana biratti maali isiin yaa Rabbii kiyya? Rabbiinis ni jedha: ati dhugumatti hin miidhamtu, ni jedhe: galmeewwan gama tokkoon kaardittiin immoo gama tokkoon miizaan irra ka'amtee jennaan galmeewwan kuftee, kaardittiin ulfaatte, maqaa Rabbii waliin wanni ulfaatu hin jiru".
At-TirmidhiNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin guyyaa qiyaamaa ummata fuulduratti ummata isaa irraa namicha tokko filatee herregamuuf jecha akka isa waamu himani, galmee sagaltamii sagal isarra fida, isiin barruu hojii isaa badduu kan inni duuniyatti hojjataa ture yoo taatu, dheerinni galmee hundaa hanga agartuu ijaati. Eegasii Rabbiin ol ta'e namicha kanaan akkas jedha: wantoota galmeewwan kana irratti barraa'an keessaa wanti ati mormitu ni jiraa? Malaa'ikaan koo eegdotaa fi barreessitoota ta'an waa si miidhanii? Namtichiis lakkii yaa Rabbii kiyya jedha. Eegasii Rabbiin ol ta'e ni jedha: hojiiwwan duuniyaatti hojjatte kanaaf rakkoo himattu tan ittiin dhiifama siif godhamu qabdaa? irraanfiin ta'us yookaan dogongoraan ta'us yookaan wollaalummaan ta'us, Namtichis ni jedhe: lakkii yaa Rabbii koo sababaan naaf hin jiru. Rabbiin ol ta'e ni jedha: ee toltuutu nu bira siif jira, dhugumatti hardha miidhaan sirratti hin jiru. Ni jedhe: kardii isii keessatti: haqqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre ragaan ba'a, akkasumas Muhammad gabricha Isaatii fi ergamaa Isaa ta'uu ragaan ba'a jechuun barreeffameetu gadi baafama. Rabbiin ol ta'e namicha kanaan miizaana kee irratti aragami jedhaan. Namichis ajaa'ibsiifataa akkas jedha: yaa Rabbii koo! ulfaatinni kaardittii tanaa galmeewwan kana biratti maali?! Rabbiin injifatee guddate ni jedhe: gonkumaa miidhaan sirra hin ga'u. Ni jedhe: galmeewwan gara tokko irra kaa'amee, kaardiin gara tokko irraa ka'amtee; garri galmeewwan irra jirtu salphatee, garri kaardiin irra jirtu caalee ulfaatee argame, Rabbiinis isaaf dhiise.
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Rabbiin jannataa fi ibidda yeroo uumetti Jibriiliin -nagaan isarra haa jiraatu- gara jnnataatti ergee, akkas jedhe: gara isiitii fi gara waanan isii keessatti worra isiitiif qopheessee ilaali. isii ilaalee eegasii deebi'uun akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokko isii dhag'ee isii seenu malee hin hafu. eegasii isitti ajajee waan jibbamaan marfamte, eegasii gara isii deemiitii isiidhaa fi gara waanan worra isiitiif isii keessatti qopheessee ilaali. gara isii ilaalee, yeroo inni argu isiin waan jibbamaan marfamtee jirti, eegasii ni jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokkoyyuu isii seenuu dhabuun dhugumatti sodaadhe. ni jedhe: deemi gara ibiddaa fi gara waanan worra isiitiif isii keessatti qopheessee ilaali. gara isii ilaalee yeroo jedhu isiin gariin isii garii isii yaabbata, eegasii deebi'uun akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokkoyyuu isii hin seenu. eegasii isiitti ajajee feedhiiwwaniin marfamte, eegasii ni jedhe: gara isiitti deebi'ii isii ilaali. isii ilaalee yeroo jedhu dhugaatti fedhiiwwaniin marfamtee jirti, eegasii deebi'ee akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha dhugaatti namni tokkoyyuu isii irraa akka hin baraaramnee fi isii seenu malee akka hin hafnen sodaadhe".
Abu DawoodNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin yeroo jannataa fi ibidda uumee ka'utti, IJibiriiliin akkas akka jedhe himani: gara jannataatti deemii isii ilaaali, gara isii ilaalee eegaasii deebi'ee, Jibriil ni jedhe: Rabbii koo hoo, jabina keetiinan kakadha, namni tokko isiidhaa fi waan isii keessa jiru qananiiwwan, waan gaarii fi toltuuwwan isii irraa argee isii seenuu jaallatu malee hin dhiisu, isii seenuuf jechas hojjatu malee hin hafu. Eegasii Rabbiin waan jibbamaa fi waan ulfaataa akka waan itti ajajaman hojjachuu fi waan irraa dhoorgaman irraa fagaachuutiin jannata marse; nama isii seenuu fedhe irratti waan jibbamtuu sana darbuun dirqama ta'a. Eegasii Rabbiin ol ta'e booda waan jibbamtuun jannata marseetii ni jedhe: yaa Jibriil! gara jannataa deemii isii ilaali, Deemee gara isii ilaalee, eegasii dhufuun akkas jedhe: Rabbii koo hoo, jabina keetiinan kakadha sababa waan ulfaataa fi waan jabaataa karaa isii irra jiruuf jecha namni tokkoyyuu isii seenuu dhabuun sodaadha. Akkasumas Rabbiin yeroo ibidda uumee jedhutti, ni jedhe: yaa jibriil! deemii gara isii ilaali, innis deemee gara isii ilaale, Eegasii jibriil dhufee ni jedhe: Rabbii koo hoo!, jabina keetiinan kakadha namni tokko azaaba, rakkoowwanii fi tuttuqaawwan isii keessa jiru dhaga'ee isii seenuu jibbuun sababoowwan isiitti nama geessan irraa fagaatu malee hin hafu. Eegasii Rabbiin ibidda fedhiiwwanii fi waan mimmi'aawaan marsee karaa isiitti geessus isiidhaan taasisee, eegasii ni jedhe: yaa Jibriil! deemii gara isii ilaali, Jibriilis deemee gara isii ilaalee, eegasii dhufee akkas jedhe: Rabbii koo hoo, jabina keetiinan kakadha dhugaan namni tokkoyyuu isii irraa bilisa akka hin baanee sodaadhee laphee baadheen jira; fedhiiwwanii fi wanti mimmi'aawoon naannawa isii waan marsaniif jecha.
Abdullaah ilma Amri ilma Al-aas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: "Rabbiin samiiwwanii fi dachii osoo hin uumiin woggaa kuma shantamaan duratti murtoowwan uumamtootaa barreessee jira, ni jedhan(Ergamaan): Arshiin Isaa bishaan gubbaadha jira".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin murtoo uumamtootaa waan argamuuf taa'u jireenya, du'a, rizqii fi wantoota kana fakkaatan kan biraa irraa adda babaasee lawhal mahfuuz(luuhii tikfamaa ta'e) irratti samiiwwanii fi dachii osoo hin uumin woggaa kuma shantamaan duratti akka barreessee jiru himan, isiin akkaataadhuma Rabbiin ol ta'e isii murteesseen argamtuudha. Wanti ta'u hundi murtoo Rabbiitii fi qadara isaatiin ta'a, Wanti gabricha tuqe isa dhabuu hin danda'u, wanti isa dhabe immoo isa tuquu hin danda'u.
Umar bin Al-Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Dhugumatti Rabbiin ol ta’e abboota keessaniin kakachuu irraa isin dhoorga”, Umar akkana jedhe: Rabbiin kakadhe, ergan Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan kakuu kana irraa dhoorgan dhagahee beekes ta'ee nama irraa himus ta'ee ittiin kakadhee hin beeku.
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e abbootii ofiitiin kakachuu akka dhoorgu himani, kanaafuu namni kakachuu barbaade Rabbi qofaan kakata malee waan Isa malee jiruun hin kakatu. Eegasii umar bin Al-Khaxxaab -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- eega Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sana irraa dhoorgan dhagahee beekaatis ta'ee nama biraa irraa waan Rabbiin malee jiruun kakachuu himuunis ta'ee akka ittiin hin kakatin dubbate.
Abdullah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhani: “Guyyaa Qiyaamaa jalqaba wanti isa keessatti gidduu namootatti murtiin godhamuu dhiiga".
Al-Bukhari and Muslim. This is the wording of MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa qiyaamaa miidhaa namoonni gariin garii isaanii irratti hojjate ilaalchisee jalqaba wanti namoota giddutti murtii godhamuu dhiiga akka ajjeesuu fi madeessuu akka ta'e himan.
Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabrii wahii lama bira dabranii, akkana jedhan: “Isaan lamaan kun adabamaaru, adabamuun isaanii waan guddaafii miti, tokkoon isaanii fincaan kan ofirraa hin qulqulleessine ta'e, inni kuun immoo gidduu namootatti kan namiimaan (walitti mufannaa namoota giddutti argamsiisuuf jecha haasaa tokko irraa gara kaanii geessuun) deemu ta'e" eegasii muka jiidha wahii fuudhanii isa bakka lamatti qoodanii, hunda qabrii irra tokko gadi dhaaban, ni jedhan (sahaabonni): " yaa ergamaa Rabbii maalif kana hojjatte?, isaanis ni jedhan: “waan mukni lameen kun hin goggoginiin Rabbiin isaan lameen irraa adabbii salphisuudhan kajeela".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabrii lama bira dabranii akkana jedhani: Abbootiin lameen qabrii kana lameenii adabamaaru, ilaalcha keessan keessatti waan guddaaf adabamaa hin jiranu, Rabbiin biratti guddaa haa ta'uu malee, Tokkoon isaanii yeroo mana fincaanii seene fincaan irraa qaama isaatii fi uffata isaa eeggachuuf dhimma kan hin qabne ta'e, Inni kuun immoo namoota gidduutti namiimaan kan deemu ta'e, isaan gidduutti rakkina uumuf jecha haasaa isa kanaa fuudhee isa kaan bira geessa.
Hudheyfaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Waan Rabbii fi ebalu fedhe hin jedhinaa, garuu akkana jedhaa: Waan Rabbiin fedhe, eegasii waan ebalu fedhe".
An-Nasaa’iNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Muslimni tokko haasaa isaa keessatti akkana jechuu irraa dhoorgan: “Waan Rabbii fi ebalu fedhe", Yookaan Waan Rabbii fi ebalu fedhe; Sababni isaas fedhiin Rabbii guutuu namni tokkolleen Isa waliin hin qooddanne waan ta'eef jecha. Qubee “waaw” fayyadamuun namni biraa Rabbiin waliin qooda qabaachuu fi walqixxummaan akka gidduu isaan lameenii jiru agarsiisa. Garuu akkas haa jedhu: waan Rabbiin fedhe, eegasii ebalu fedhe, "Fi" fayyadamuu dhiisee "eegasii" fayyadamuun Fedhiin gabrichaa fedhii Rabbii jala kan deemtu taasisuudha qaba; sababni isaas "eegasii" jechuun wanni booda irra dhufu waan dura dabre irraa xiqqoo turee dhufuu waan fayyadduuf jecha.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Namni qajeellumaatti nama waame mindaa akka mindaa warra isa duuka bu’eeti argata, sun mindaa isaanii irraa homaa hin hirdhisu, namni karaa jal'inaatti nama waame immoo dilii irraa fakkaataa diliiwwan warra isa duuka bu'aniitu isa irratti ta'a, sun diliiwwan isaanii irraa homaa hin hirdhisu".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama jechaan yookaan gochaan karaa dhugaa fi gaarummaan isa keessa jirutti namoota waamee kakaase mindaan akka mindaa warra isa duuka bu'anii osoo sun mindaa isaanii irraa homaa hin hirdhisne akka isaaf ta'u ibsan. Namni jechaan yookaan gochaan karaa sobaa fi hamaa dilii fi cubbuu of keessa qabutti nama waame immoo sun diliiwwan isaanii irraa osoo homaa hin hirdhisne faakkaataan dilii namoota isa hordofanii isa irratti ta'a.