Hedayat “A fruitful harvest”
from the gardens of “ Verses and Hadiths ”
Inspiring Dawah cards that highlight the profound meanings of Quranic verses and Prophetic Hadiths. Presented in an accessible and engaging style to help Muslims gain a deeper understanding of their faith with ease.
About Hedayat
Hedayat is a platform that combines simplicity of design and ease of use
displaying the benefits derived from Verses and Hadiths in
attractive cards with unique designs.
Unique Designs
Cards with unique and attractive designs that express the content of the text
Reliable Materials
Scientifically reliable benefits reviewed by a group of scholars
Easy Browsing
You can browse the cards easily and display them effortlessly
Different Languages
Cards are available in more than 40 languages for the benefit of all
Hadith Cards
Zaydii ilma Khaalid Al-juhanii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hudaybiyaatti halkan irraa rooba roobee ka'e booda salaata fajrii nuun salaatanii, eega salaata xumaraniin booda namootatti garagaluun akkana jedhan: "Waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu?", namootnis ni jedhan: Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka, ergamaanis ni jedhan: "gabroottan koo irraa gariin anatti amanee gariin immoo anatti kafaree bule, namni tola Rabbii fi rahmata Isaatiin roobfamne jedhe inni sun anatti kan amanee fi urjiiwwanitti kan kafareedha, namni sochii urjii akkasii fi akkasiitiin roobfamne jedhe immoo, inni sun anatti kan kafaree fi urjiiwwanitti kan amaneedha".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hudaybiyaatti -isiin ganda makkatti dhihoo taate wahiiti- booda rooba halkan sana roobee ka'eetii salaata subhii salaatani, Salaamataa baafatanii salaata isaanii erga xumuraniin booda fuula isaanitiin ummatatti garagalanii, akkas jechuuun isaan gaafatan: waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu? Isaanis Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka jedhanii deebisaniif, Ni jedhan: Rabbiin ol ta'e namoonni yeroo roobni roobutti bakka lamatti akka qoodaman ifa galche: qooda Rabbii ol ta'etti amanee fi qooda Rabbii ol ta'etti kafareedha; Namni tola Rabbiitii fi rahmata isaatiin roobfamne jedhee, roobinsa roobaa Rabbii ol ta'etti hirkise; inni sun Rabbii uumaa uumama keessatti akk fedhe godhutti amanee urjiiwwanitti kafareera. Namni urjii akkasiitii fi akkasiitiin roobfamne jedhe immoo; inni sun Rabbitti kan kafaree fi urjiiwwanitti kan amaneedha, inni kufrii xiqoo ta'a buusinsa roobaa urjiiwwanitti waan hirkiseef jecha; Rabbiin shari'aa fi qadaratti sababaa isa godhuu dhabuu wajjiin, Namni roobiinsa roobaa fi taatewwan dachi kan biroo ba'iinsaa fi kufiinsa isii keessatti gara sochiiwwan urjiiwwanitti hirkise haala isiituu dhugaatti hojjataa jira jedhee amanuun, inni kufrii guddaa kafareera.
Abdullaah ilama Amrii ilam Aas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee, galmee sagaltamii sagal isatti gadi baasa, galmeen hunduu hanga agartuu ijaati, eegasii ni jedhaan: kana irraa waa tokko ni mormitaa? barreessitoonni koo eegdonni si miidhanii jiruu? innis ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbiin ni jedhaan: rakkoo himattu ni qabdaa? ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbis ni jedha: ee toltuutu nu bira siif jira, dhugumatti hardha sirratti miidhaan kamuu hin jiru, eegasii kaardii isii keessa: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru Muhammad immoo gabricha Isaatii fi ergamaa Isaati jettuutu gadi baafama, eegasii Rabbiinis ni jedha: miizaana kee irratti argami, namtichiis ni jedha: kaardittiin tun galmee hedduu kana biratti maali isiin yaa Rabbii kiyya? Rabbiinis ni jedha: ati dhugumatti hin miidhamtu, ni jedhe: galmeewwan gama tokkoon kaardittiin immoo gama tokkoon miizaan irra ka'amtee jennaan galmeewwan kuftee, kaardittiin ulfaatte, maqaa Rabbii waliin wanni ulfaatu hin jiru".
At-TirmidhiNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin guyyaa qiyaamaa ummata fuulduratti ummata isaa irraa namicha tokko filatee herregamuuf jecha akka isa waamu himani, galmee sagaltamii sagal isarra fida, isiin barruu hojii isaa badduu kan inni duuniyatti hojjataa ture yoo taatu, dheerinni galmee hundaa hanga agartuu ijaati. Eegasii Rabbiin ol ta'e namicha kanaan akkas jedha: wantoota galmeewwan kana irratti barraa'an keessaa wanti ati mormitu ni jiraa? Malaa'ikaan koo eegdotaa fi barreessitoota ta'an waa si miidhanii? Namtichiis lakkii yaa Rabbii kiyya jedha. Eegasii Rabbiin ol ta'e ni jedha: hojiiwwan duuniyaatti hojjatte kanaaf rakkoo himattu tan ittiin dhiifama siif godhamu qabdaa? irraanfiin ta'us yookaan dogongoraan ta'us yookaan wollaalummaan ta'us, Namtichis ni jedhe: lakkii yaa Rabbii koo sababaan naaf hin jiru. Rabbiin ol ta'e ni jedha: ee toltuutu nu bira siif jira, dhugumatti hardha miidhaan sirratti hin jiru. Ni jedhe: kardii isii keessatti: haqqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre ragaan ba'a, akkasumas Muhammad gabricha Isaatii fi ergamaa Isaa ta'uu ragaan ba'a jechuun barreeffameetu gadi baafama. Rabbiin ol ta'e namicha kanaan miizaana kee irratti aragami jedhaan. Namichis ajaa'ibsiifataa akkas jedha: yaa Rabbii koo! ulfaatinni kaardittii tanaa galmeewwan kana biratti maali?! Rabbiin injifatee guddate ni jedhe: gonkumaa miidhaan sirra hin ga'u. Ni jedhe: galmeewwan gara tokko irra kaa'amee, kaardiin gara tokko irraa ka'amtee; garri galmeewwan irra jirtu salphatee, garri kaardiin irra jirtu caalee ulfaatee argame, Rabbiinis isaaf dhiise.
Aa'ishaa Haadha Mu’umintootaa irraa odeeffame Rabbiin ishee irraa haa jaalatu akkas jette: Mana meeshaa kiyya girdoo fakkii of keessaa qabuun hagoogee osoon jiruu Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- natti ol seenanii, yeruma isa argan fuulli isaanii jijjiiramee isa baqassanii, akkana jedhan: "Yaa Aa'ishaa, Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti warri irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessani, Aa'ishaanis akkana jette: "isa mummurree boraatii tokko ykn lama irraa tolchine".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, mana isaanii Aa'ishaa irratti -Rabbiin irra haa jaalatu- ol seenanii, dhugumatti mana xiqqaa meeshaan keessa kaayamu girdoo of keessaa fakkii labbu qabeeyyii qabuun haala isheen hagoogdeen ishee arganii, aaranii bifti fuula isaanii jijjiiramee isa buqqisanii, akkas jedhan: Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti namoonni irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessanii fakkii kaasani. Aa'ishaan akkana jette: "boraatii tokko ykn lama isa irraa tolchine”.
ِAbuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: "Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu, Namni hirriiba irraa dammaqe immoo bishaan itti wuduu'a godhatuu deemu keessa osoo isa hin galchine harka isaa haa dhiqatuu, sababni isaas harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha". Muslim akka gabaasetti: "Tokkoon keessan yeroo hirriiba irraa ka'e harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha hanga yeroo sadii isa dhiquutti harka isaa mi’a (meeshaa/qodaa) keessa akka hin galchine".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii seera qulqullummaa ibsan, sana irraa: Tokkoffaan: Namni wuduu’a godhatu afuura isaatiin bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii ammas afuura isaatiin baasuudha qabaadha. Lammaffaan: Namni bishaanin osoo hin taane waan akka dhagaa fi waan dhagaa fakkaatun najisa isa irraa bahe ofirraa qulqulleessuu barbaade waan sana watrii godhuu qaba, irra gadi aantin isaa sadii, irra ol aanan isaa immoo waan najisni bahe sun isaan citee iddoon qulqullaa'uniidha. Sadaffaan: Namni hirriiba halkanii irraa ka’e, hanga harka isaa yeroo sadii hanga dhiqutti wuduu'a godhachuuf meeshaa bishaanii keessa harka isaa galchuu hin qabuudha, sababni isaas inni harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha, kanaafuu najisummaa irratti amanuu hin danda'u, sheyxaannis itti taphatee wantoota ilma namaa miidhan ykn bishaan sana balleessan itti fidu danda'a.
Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namichi wohii gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa ergamaa Rabbii! raggaasisoon lameen maali? ergamaanis ni jedhani: "Namni haala homaa Rabbiitti hin qindeessineen du'e jannata seene, namni haala waa tookko Rabbitti qindeessuun du'e immoo ibidda seene".
MuslimNamichi wohii waan lama kan jannata seenuu dirqama taasisanii fi kan ibidda seenuu dirqama taasisan maali jedhee Nabiyyii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafate? Akkas jechuun isaanis -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaaf deebisan: wanti jannata dirqama taasisu ilmi namaa haala Rabbiitti homaa hin qindeessineen Isa qofa osoo gabbaruu du'uudha, Wanti ibidda dirqama taasisu immoo ilmi namaa haala Rabbitti qindeessuun haala inni gabbarummaa isaa keessatti yookaan gooftummaa Isaa keessatti yookaan maqoowwanii fi sifaatowwan Isaa keessatti Isaaf fakkaataa fi hiriyaa taasisuun du'uudha.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatuu- inni Ergamaa Rabbii -nagaa rahmanni isaan irratti haa jiraatu- kan akkana jedhu dhagahe: “Mee odeessaa! balbala tokkoo keessanitti lagni guyyatti yeroo shan itti dhiqatu osoo jiraatee, mee maal jetta sun xurii isaa irraa homaa ni hanbisaa?" ni jedhan (sahaabonni): sun xurii isaa irraa homaa hin hanbisu, isaanis ni jedhan: "sun fakkeenya salaata shananiti, Rabbiin isaani diliiwwan haqa".
MuslimNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- salaata shanan guyyaa fi halkan keessatti salaataman isaan diliiwwan xixiqqoo nama irraa harcaasuu keessatti laga balbala nama tokkotti jiru kan guyyatti yeroo shan irraa dhiqatutti fakkeessan, dilii isaa irraa homaa hin hafu.
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Hanga aduun karaa dhiha isiitiin baatutti qiyaamaan hin dhaabbatu, yeroo achiin baatetti namoonni isii argan hundi isaaniituu ni amanu, sun yeroo (Rabbiin akka qur'aana isaa keessatti jedhetti): {lubbuu sana dura hin amanin, yookaan iimaana isii keessatti toltuu hin hojjatin tokko iimaanni isii homaa isii hin fayyanneedha} [Al-an'aam: 158] dhugumatti namoonni lama huccuu isaanii gidduu isaaniitti gurgurtaaf jecha diriirsanii osoo isaan wal irraa hin bitinii fi osoo isaan hin maratin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti namichi aannan dhuguuf jecha gaala isaa elmatee osoo inni hin dhugin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti namni tokko naanniga isaa sirreeffatee ka'ee osoo inni irraa hin obaasin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti tokkoon keessan nyaata isaa afaan isaatti ol fudhatee ka'ee osoo inni isa hin nyaatin qiyaamaan dhaabbatti".
Al-Bukhari and MuslimErgamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mallattoolee qiyaamaa guddoo keessaa aduun karaa bahaa dhiiftee karaa dhihaatiin bahuu akka ta'ee fi namoonni yeroo isii arganitti hundi isaanii akka amanu himani, Yeroo sanatti kaafira iimaanni isaa isa hin fayyadu, akkasumas hojiin gaarii fi tawbaanilleen isa hin fayyadu. Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qiyaamaan akka tasa dhuftuu fi namoonni haalotaa fi dhimmoota isaanii irra jiranuu akka dhaabbattu himani; Kan gurguruu fi kan bitu huccuu isaanii gidduu isaaniitti diriirsanii oso walitti hin gurgurinii fi osoo hin dachaafatin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi haala aannan gaala isaa tan elmamtu qabatee osoo inni isa hin dhugin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi naanniga isaa dhoqqeen tolfatee osoo isa irraa hin obaasin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi haala gurshaa isaa nyaachuuf jecha gara afaan isaatti ol fudhateen osoo inni isii hin nyaatin qiyaamaan dhaabbatti.
Nu'umaan ilma bashiir irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: "Du'aa'iin (kadhaan) inni ibaadaadha", eegasii Aayaa qur'aanaa tan hiikkaan isii akkas jedhu qara'ani: "Rabbiin keessan ni jedhe: na kadhaa isiniifan owwaadhaa, dhugumatti isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta'anii, jahannam seenuuf jiru".[Gaafir: 60]
Ibn MaajahNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- du'aa'iin ibaadaa akka ta'e himani, du'aa'ii gaafannaa fi barbaachaas ta'ee, waan isa fayyaduu fi waan duuniyaa fi aakhiraatti isa miidhu isa irraa deebisu Rabbiin gaafachuufaa yookaan du'aa'ii ibaadaas ta'ee, isiin hunda jechootaa fi hojiiwwan mullataa fi dhokataa Rabbiin jaallatuudha, ibaadaa qalbiis ta'ee yookaan kan qaamaa yookaan kan qabeenyaas dirqamni jiru hundi isaatuu Rabbiif qulqulluu ta'uu qaba. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sana irratti Rabbiin akkas jedhe jechuun ragaa dhiheeffatani: "Na kadhaa" isiniifan owwaadhaa, dhugumatti isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta'anii, jahannam seenuuf jiru".
Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaalatu- akkas jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganama guyyaa Aqabaa haala gaala isaanii irratti ta'aniin akkana jedhan: "Dhagaa xixiqqaa akka cirrachaa naaf guuri" dhagaa torba xixiqqan isaanif guure, isaanis dhagaa xixiqqaa akka dhagaa quba lameenin darbataniiti, eegasii isaan(Rasuulli) dhagaalee sana harka isaanii keessatti raasaa akkana jedhan: "fakkaattota isaan kanaatiin darbadhaa", eegasii ni jedhan: "Yaa ormana! amantii keessatti daangaa dabruu irraa fagaadhaa, baraa dhugumatti warri isin dura turan wanni balleesse amantii keessatti daangaa dabruudha".
Ibn MaajahIbnu Abbaas -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- hajjii dhaammannaa keessatti guyyaa qalmaa ganama yeroo Jamraa al-aqabaa darbatan Nabiyyii waliin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka ture hima, Dhagaa xixiqqaa boolla itti darbatan ofii isaanitiif guurutti isa ajajan, innis dhagaa xixiqqaa torba isaanif guure, tokkon isii irraa ta'e hanga firii shunburaati, Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isii harka ofii keessa kaa'aniiti isii sochoosanii akka jedhan: Fakkaataa isiitiin darbadhaa, Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota amantii keessatti daangaa darbuu irraa akeekkacchiisanii, amantii keessatti daangaa darbuun ummatoota amma dura darban akka balleesse himan.
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Warra du'an hin arrabsinaa, isaan gara waan dabarsaniitti (hojii isaaniitti) deemaniiru".
Al-BukhariNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- warra du'an arrabsuu fi kabajaa isaanii tuquun haraama ta'uu ibsan, akkasumas haalli kun haalowwan badoo irraa ta'uudha ibsan, hojiilee kheyrii irraa yookaan hojiilee hamtuu irraa isaan (warri du'an) gara waan dabarfatanitti waan gayaniif jecha, arrabni kunis warra lubbuun jiran azaa godha malee warra du'anitti hin gayu.