





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Dirqamummaa isaa amanee akkasuma mindaa isaa Rabbiin irratti herregatee namni ji'a Ramadaanaa soome badiin isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti Rabbitti amanuuf jecha, dirqamummaa soomaa, gatii guddaa fi mindaa irraa waan Rabbiin ol ta'e worra soomaniif qopheesse dhugoomsuuf jecha, haala fuula Rabbii ol ta'ee kajeelaa ta'een, kan argisiifannaa fi na dhaga'aan keessa hin jirre namni ji'a Ramadaanaa soome badiiwwan isaa kan darban isaaf dhiifaman jechuudha himan.
Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Haala Rabbitti amanee fi mindaa isa irratti herregateen namni halkan laylatulqadrii dhaabbate, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- laylatulqadrii Ramadaana irraa kudhanan boodaa keessatti taatu sadarkaa isii salaataan dhaabbachuun qabu hin himan, akkasumas dhugumatti isii fi isii keessatti waan dhufetti haala amanaa ta'een, hojii isaatiin mindaa Rabbii ol ta'ee haala kajeelaa ta'een, na argaa fi na dhaga'aan maletti, salaatuun, kadhannaan, Qur'aana qara'uu fi zikriin namni isii keessatti tattaafate badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifamaadha himan.
Nu'umaan ilma bashiir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii akkas jedhuun dhaga'e -nu'umaan quba isaatiin gara gurra isaatti akeekaa (dhaga'uu isaa Mirkaneessuuf jecha)-: "Halalli ifa galaadha, haraamnis ifa galaadha, gidduu isaaniitti wantoota wal fakkaatan kan namoonni hedduun isaan hin beekneetu jiran, namni wal fakkaattuu eeggate amantii fi kabajaa isaatiif qulqullina barbaade, wal fakkaattuu keessa namni bu'e haraama keessa bu'e, inni akka tiksee daangaa cinaatti tiksuuti, isa keessa seenee dheeduutu mala, dhaga'aa! mootii hundaafuu daangaatu jira, dhaga'aa! daangaan Rabbii dhoorgaa Isaati, dhaga'aa! dhugumatti qaama namaa keessa waan akka cittuu fooniitu jira, yeroo isiin tolte qaamni hundi ni tola, yeroo isiin badde immoo qaamni hundi ni bada, dhaga'aa! isiin qalbiidha".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota keessatti foormulaa walii galaa ifa galchan, isiin shari'aa keessatti bakka sadiitti qoodamti: halaala ifa galaa, haraama ifa galaa fi halaalummaa fi haramummaa keessatti wantootii wal fakkaatan, murtoon isii gama halaalummaati fi gama haraamummaatii ifa hin taanetu jirti, hedduun namaa murtoo isii hin beeku. Namni wantootii isatti wal fakkaatte sana dhiise amantiin isaa haraama keessa bu'uu irraa fagaachuun isaaf baraarame, akkasumas haasawa namootaa kan silaa osoo inni waan wal fakkaataa kana raawwatee isaan isa aybeessan irraa kabajaan isaas baraarameeraaf. Namni waan wal fakkaattuu irraa hin fagaatin haraama keessa akka bu'uuf, yookaan namoonni kabajaa isaa akka tuqanuuf dhugumaan lubbuu isaa saaxilee jira. Rasuulli -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala nama wantoota nama irratti wal fakkaatan raawwatuu fi inni akka tiksee dachii abbaan isii isii daangeessetti dhihaatee horii isaa tikfatuutii, horiin tiksee waan itti dhihaattee jirtuuf daangaa kana keessa seentee nyaachuutu malaa ifa nuuf galchuuf jecha fakkeenya fudhataniiru, namni waan wal fakkii qabu hojjatus akkasuma jechuudha, inni sanaan haraamatti dhihaata, isa keessa bu'uutu mala. Booda sanaatii qaama keessa namaa wanni akka cittuu foonii akka jirtu (isiin qalbiidha) Nabiyyiin himan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isiin toluudhaan qaamni tola, isiin baduudhaan qaamni bada.
Abuu Sa'iid Al-kudriyyii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Of miidhuus ta'ee nama biraa miidhuunis hin ta'u, nama nama miidhe Rabbiin isa miidha, namni jabeesse Rabbiin isatti jabeessa".
Ibn MaajahNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- miidhaa gosa isaa kamiinuu fi bifa isaa kamiinuu lubbuu ofii fi worra biroo irraa deebisuun dirqama ta'uu ifa galchan, kanaafuu nama tokkoof haala wal qixa ta'een lubbuu ofii rakkisuun yookaan nama biraa rakkisuun hin eeyyamamuuf. Miidhaa miidhaan deebisuun isaaf hin eeyyamamu; miidhaan miidhaadhaan waan hin deebifamneef jecha, yoo karaa gumaatiin ta'e qofa innis daangaa darbuun maletti. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sodaachisa nama nama miidhu miidhaan akka isa qaqqabu, akkasuma nama namatti jabeessu akka itti jabaatu ifa galchan.
Abdullaah ilma Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Jibriil haqa ollaa naaf dhaamuu irraa booda hin jenne, hangan isa ni dhaalchisa jedhee yaadu tokkotti".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Jibriil waan ollaa isaan irratti deddeebisuu fi ollatti yaaddawuutti ajajuu akka hin dhiisin hin himan, ollaan isa manaan dhihoo, muslimas ta'ee kaafira, firas ta'ee kan biraa, haqa isaa eeguu fi azaa isa gochuu dhabuun, akkasuma tola isatti ooluu fi azaa isaa irratti obsuun, haqa ollaa guddisuu fi Jibriil sana irra deddeebi'uu irraa kan ka'een hanaga Nabiyyiin -Rabbiin raahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wahyiin qabeenya ollaa isaa kan booda du'a isaatii bakka isaa bu'u isaaf kennuutti ajajuun bu'a jedhanii yaadanutti.
Abdullaah ilma Masu'ud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: "Ruqaa, hirzii fi jaallachiistuun shirkiidha".
Ibn MaajahNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota isii hojjachuun shirkii irraa lakkaa'amu ibssniiru; isii keessa: Tokkoffaan: Ruqaadha: inni haasawa worroonni jaahiliyyaa ittiin dawaa godhatan kan shirkii of keessatti qabatuudha. Lammaffaan: Masubaa fi kan sana fakkaatu irraa waan rarraafatamu,: ija akka deebistuuf jecha isii ijjoollee, horii fi kan biroo irratti fannifamtuudha. Sadaffaan: Tiwalaadha (jaallachiistuu): isii haadha manaa fi abba manaa wol jaallachiisuuf jecha hojjatamtuudha. Wontootni tun shirkii irraayi; isiin waan tokko sababa gochuu irraa waan taateef jecha, inni sababa shari'aa kan ragaan ragga'ee miti, akkasumas sababa mul'ataa yaaliin ragga'es miti. Sababoowwan shari'aa kan akka qur'aana qara'uufaa, yookaan sababoowwan mul'atoo ta'an kan akka dawaawwan yaaliin ragga'aniifaa, isiin sababoota irraayi jedhanii amanuu waliin eeyyamamtuudha, dhugumatti fayyaduu fi miidhuun harka Rabbii jira.
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Warra du'an hin arrabsinaa, isaan gara waan dabarsaniitti (hojii isaaniitti) deemaniiru".
Al-BukhariNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- warra du'an arrabsuu fi kabajaa isaanii tuquun haraama ta'uu ibsan, akkasumas haalli kun haalowwan badoo irraa ta'uudha ibsan, hojiilee kheyrii irraa yookaan hojiilee hamtuu irraa isaan (warri du'an) gara waan dabarfatanitti waan gayaniif jecha, arrabni kunis warra lubbuun jiran azaa godha malee warra du'anitti hin gayu.
Jundub ilma Abdullaah Al-qasrii irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu ni jedhan: "Salaata subhii namni salaate eegumsa Rabbii keessa jiraata, Rabbiin eegumsa isaa irraa waa tokkoon isin hin barbaadin, namni eegumsa isaa irraa waa tokkoon isa barbaade dhugumatti isa qaqqaba, eegasii fuula isaatiin ibidda jahannam keessatti isa darbata".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni fajrii salaate eegumsa Rabbii, kunuunsa isaatiifi tika isaa keessa akka jiraatuu fi akka isa irraa deebisuu fi isaaf tumsu himani. Eegasii -rahmannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- salaata fajrii dhiisuunis haa ta'uu yookaan nama isii salaatu tuquu fi isa irratti daangaa darbuun waadaa kana diiguu fi balleessuu irraa sodaachisani, namni sana hojjate dhugumatti eegumsa kana diigee jira, kanaaf haqa Rabbii keessatti waan daangaa darbeef Rabbiin isa barbaaduun dinniina jabaa haqa godhatee jira, namni Rabbiin isa barbaade isa qaqqaba, eegasii immoo fuula isaatiin ibidda keessa isa buusa.
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Sadaqaan qabeenya kamuu irraa hin hir'ifne, Rabbiin garbicha tokkoof dhiifama gochuu isaatiif injifannoo malee homaa hin daballe, namni tokkoyyuu Rabbiif jecha gad of qabee Rabbiin ol isa fuudhu malee hin hafu".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadaqaan qabeenya akka hin hir'ifne ifa galchani, inumaayyuu balaa abbaa isii irraa ittifti, Rabbiin abbaa isiitiif toltuu guddaadhaan bakka buusa, kanaafuu hir'ina osoo hin taane dabalata taati. Haaloo ba'uu danda'uu waliin yookaan abbaa isaa adabuu danda'uu waliin dhiifama gochuun humnaa fi injifannoo malee homaa hin dabalu. Namni tokkoyyuu sodaaf, fakkeessaa fi bu'aa wohii irraa barbaaduuf kan hin taane fuula Rabbiitiif jecha of gadi qabee of xinneesse taanaan, mindaan isaa olaantummaa fi kabajaa ta'u malee hin hafu.