





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: Humna torba irratti akkan sujuudu ajajame: kallacha (adda) irratti, harka isaanitiin gara funyaan isaanii akeekan, akkasumas harka lameen, jilba lameeni fi fiixa miila lameenii irratti, uffataa fi rifeensa akka lafa hin tuqneef hin qabnu.
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka Rabbiin humna qaamaa torba irratti sujuudutti isaan ajaje ibsan; isheenis: Tokkoffaa: Kallacha (adda): isheenis kutaa fuulaa tan funyaani fi ija lameen gubbatti argamtuudha, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- harka isaanitiin gara funyaan isaanii akeekuun, kallachii fi funyaan humna torban sana irraa humna tokko akka ta'an ibsan, namni sujuudu funyaan isaatiin lafa tuquudha qaba jechuu gad jabeessuuf jecha. Humni lammaffaa fi sadaffaan: harka lameeni. Afraffaa fi Shanaffaan: Jilba lameeni. Jahaffaa fi Torbaffaan: qubbeen miila lameeniiti. Yeroo dachii irratti sujuudnu akka lafa hin tuqne eeguudhaaf jecha rifeensa keenya ol qabachuu dhabuutti, ykn uffata garii isaa garii irratti ol sassaabbachuu dhabuutti nu ajajaniiru, inumaayyuu humnoolee toban sanaan lafa tuquudhaan akka sujuuda gootuuf jecha isa gadi lakkisuudha qabna.
Abuu Sa’iid Al-khudrii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaalatu- Ergamaan Rabbii -nagayaa fi rahmanni Rabbii irra haa jiraatu- akkana jedhan: “Yeroo lallaba (Azaana) dhageessan, fakkaatama lallabaan jedhu jedhaa”.
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo lallabaa azaanaa dhageenye jecha jechaan fakkaataa inni jedhu jedhutti kakaasan, Yeroo inni Allaahu Akbar jedhu nutis isa booda Allahu Akbar jenna, yeroo inni shahaadaa lameen jedhu nutis isa booda isaan lameen jenna, Yeroo (Hayya Alassalaah, hayya Alal Falaah) jedhamu malee, yemmuu kana "Laa hawla walaa Quwwata illaa billaah" jedhame.
Mugiiraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe:- Imala tokko keessatti Nabiyyii wajjiin ture -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, kophee isaanii lameen irraa baasuuf gadi jedhee jennaan, akkana jedhani: "dhiisi ani Qulqulluu haala ta'aniinin isaan lameen godhadhee", eegasii isaan lameen irra haxaayan.
Al-Bukhari and Muslim. This is the wording of Al-BukhariNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tokkoo imala isaanii keessatti wuduu'a kan godhatan ta'an, Miila dhiqachuu bira yeruma gayani Mughiiraa bin Shu'ubaa -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- kophee irraa waan miila Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra jiru baasuuf jecha harka isaa lameen laate miilli lameen akka dhiqamaniif jecha! Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: Dhiisi isaan hin basinii, ani miila koo lameen haala qulqullina irra jiraniinin kophee lameen keessa galchee, Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bakka miila lameen dhiquudhaa kophee lameen irra haxaayan.
Aa'ishaa Haadha Mu’mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- Faaximaan binti Abii Hubeysh Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jettee gaafatte: Ani istihaadaa (dhiiga dhukkubaa) qaba, isa irraa hin qulqullaa'u, kanaafuu Salaata dhiisuun naa ni eeyyamamaa? isaanis akkana jedhan: “Lakkii, sun hidda, garuu guyyoota hanga dhiigni ji'aa ishee keessatti sitti dhufuu sana salaata dhiisii, eegasii dhiqadhuu salaati".
Al-Bukhari and MuslimFaaximaa binti Hubeyishii Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jettee gaafatte: Dhiigni narraa dhaabbachuu dhabuu irraa kan ka'een yeroo dhiiga ji'aa irra hin jirrellee itti fufa, murtiin sanaa murtii dhiiga ji'aa ta'uu danda'aa, sababaa isaatiin salaata kanan dhiisu? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: inni dhiiga istihaadaati, innis dhiiga dhukkubaa kan citiinsa hidda wahii kan gadameessa keessa jiru irraa argamuudha, Osoo dhiigni dhukkubaa sitti hin dhufiniin duratti akka Aadaa tee tan ji'atti yeroon dhiigni ji'aa isa keessatti sitti dhufu yeroo dhufe salaata, soomaa fi wantoota biroo kan isaan fakkaatan kan yeroo dhiiga ji'aa dubartiin dhiigni ji'aa itti jiru irraa dhoorgamtu dhiisi. Yeroo yeroon sun dhumetti ati dhiigni j'aa sirraa dhaabbate waan ta'eef iddoo dhiigaa sana dhiqi, eegasii xurii ofirraa kaasuuf jecha dhiqannaa guutuu ta'e qaama kee dhiqadhu, eegasii salaati.
ِAbuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: "Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu, Namni hirriiba irraa dammaqe immoo bishaan itti wuduu'a godhatuu deemu keessa osoo isa hin galchine harka isaa haa dhiqatuu, sababni isaas harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha". Muslim akka gabaasetti: "Tokkoon keessan yeroo hirriiba irraa ka'e harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha hanga yeroo sadii isa dhiquutti harka isaa mi’a (meeshaa/qodaa) keessa akka hin galchine".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii seera qulqullummaa ibsan, sana irraa: Tokkoffaan: Namni wuduu’a godhatu afuura isaatiin bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii ammas afuura isaatiin baasuudha qabaadha. Lammaffaan: Namni bishaanin osoo hin taane waan akka dhagaa fi waan dhagaa fakkaatun najisa isa irraa bahe ofirraa qulqulleessuu barbaade waan sana watrii godhuu qaba, irra gadi aantin isaa sadii, irra ol aanan isaa immoo waan najisni bahe sun isaan citee iddoon qulqullaa'uniidha. Sadaffaan: Namni hirriiba halkanii irraa ka’e, hanga harka isaa yeroo sadii hanga dhiqutti wuduu'a godhachuuf meeshaa bishaanii keessa harka isaa galchuu hin qabuudha, sababni isaas inni harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha, kanaafuu najisummaa irratti amanuu hin danda'u, sheyxaannis itti taphatee wantoota ilma namaa miidhan ykn bishaan sana balleessan itti fidu danda'a.
Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: Dhugumatti, duniyaan tun mi’ooftuu magariisa, Rabbiin isii keessatti warra isin duratti dabran irraa bakka isin buuse, akkamitti akka hojjattan ilaala, Kanaafuu duniyaa eeggadhaa dubartootas eegadhaa, jalqabni qorumsa ilmaan israa'eel dubartoota keessatti argame".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- addunyaan yeroo dhandhaman mi’ooftuu akka taate fi yeroo ijaan ilaalan magariisa akka taate ibsan, kanaafuu namni isiin gowwoomfamee, isii keessa achi kutee isii irra guddaa yaaddoo isaa taasifata. Akkasumas Rabbiin -qulqullaa'ee ol ta'e- addunyaa tana keessatti garii keenya garii irraa bakka buuse, nuti maal akka hojjannu, Isaaf ajajamna moo Isa khallafnaa? nu ilaaluuf jecha. Eegasii akkana jedhan: Duniyaa fi bareedinni isii isin gowwoomsee, waan Rabbiin itti isin ajaje dhiisuu fi waan Rabbiin irraa isin dhoorge keessa bu'uu irratti akka isin hin kaafne of eeggannoo godhaa. Qorumsa addunyaa keessaa irra guddaan waan irraa of eeggannoo gochuun dirqamaa keessaa qorumsa dubartootati, innis qorumsa jalqabaa kan ilmaan israa'eel keessatti argamanii akka ta'e ibsaniiru.
Ibnu Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkas jedhan: Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rak’aa kudhanin haffaze: rak'aa lama zuhrii dura, lama ammoo isii booda, rak'aa lama maghriiba booda mana ofiititti, rak'aa lama ishaa'ii booda mana ofititti, rak'aa lamaa fi subhii dura, Sa'aatii Nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hin seenamne turte, mu'azzinni yeroo azaanee fajriin bahe rak’aa lama akka salaatan Hafsaan natti himte. gabaasa biroo keessatti: Rasuulli -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata jum’aa booda rak’aa lama kan salaatan ta'an.
Al-Bukhari and Muslim with all its versionsAbdullaah bin Umar -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jechuun ni ibsa: Salaata sunnaa Nabiyyii irraa qabadhe keessaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- rak’aa kudhani, isiinis Al-sunan al-rawaatib jedhamtee waamamti, Zuhrii dura rak'aa lama, isii boodas rak'aa lama, Maghriiba booda mana isaanii keessatti rak'aa lama, Ishaa'ii booda mana isaanitti rak'aa lama. Salaata Subhii dura rak'aa lama. Rak'aa kudhan guutte. Salaata jum’aa booda immoo rak’aa lama salaatu.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Tokkoon keessan yeroo imaama dura mataa isaa ol kaasu, Rabbiin mataa isaa mataa harree taasisuu, ykn Rabbiin suuraa isaa suuraa harree taasisuu hin sodaatuu?".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama imaama isaa dura mataa isaa ol kaasu irratti akeekkachiisa jabaadha himan, innis Rabbiin mataa isaa mataa harree taasisuudhaan, ykn suuraa isaa suuraa harree taasisuudhaan.
Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- shanachi koo shanacha isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan: " attahiyyaatu lillaahi, wassalawaatu waxxayyibaat. assalaamu alayka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuhuu. assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin. Ash hadu anlaa ilaaha illallaahu wa ash hadu anna muhammadan abduhuu wa Rasuuluhuu" hiikkaan 'Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barkaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa akka ta'an ragaa nan baha". Gabaasa biraa kan Bukhaarii fi Muslim keessatti: "Rabbiin nagaadha, nagaas kennaadha, kanaafuu tokkoon keessan yeroo salaata keessatti tashahhudaaf taa'e akkana haa jedhu: Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barkaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu -yeroo jechoota kana jedhetti samii fi dachii keessatti hunda gabricha Rabbii kan gaarii ta'eef ni geessi- Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa akka ta'an, eegasii du'aa'ii irraa waan barbaade filata".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Ibnu Mas'uudin -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkuma suuraa Qur'aana irraa taate isa barsiisanitti Tashahhuda salaata keessatti jedhamu xiyyeeffannoo ibnu Mas'uud garas deebisuuf jecha haala dhugumatti harka isaa harka isaa lameen keessatti godheen barsiisan, kun jechaa fi hiikkan tashahhuda kanatti yaaddawuu Nabiyyiiti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama agarsiisa. Akkas jedhan: "Kabajowwan Rabbiifi": Isiin hunduma jecha ykn gocha kabajaa irratti nama qajeelchu yoo taatu, hundummaan isiituu Rabbii ol ta'eef haqa godhamtuudha. " Salawaanni": Isiin salaata beekamtuu yoo taatu, waajbni isiiti fi sunnaa isiitis Rabbii ol ta'eefi. “Wantoonni gaggaariin”: Isiin jechoota, gochoota fi haalowwan gaggaarii ta'an kan guutummina irratti nama qajeelchan yoo taatu, hundummaan isiituu Rabbii ol ta'eef haqa godhamtuudha. "Yaa Nabiyyii! Nageenyi sirratti haa jiraatu, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu" jdchuun: Hunduma Rakkinaati fi waan jibbamaa ta'e irra nagaa ta'uu fi kheyrii hunda irraa dabalachuu isaanif kadhachuudha. "Nageenyi nuu fi gabroota Rabbii gaggaarii irratti haa jiraatu" jechuun: Namni salaatu tokko ofii isaati fi samii fi dachii keessatti hunda gabricha gaarii ta'eef nagaa kadhachuudha. "Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaa baha": Kana jechuun Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre cimsee ragaa baha. “Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa baha”: Rabbiif gabra ta'uu isaanitii fi ergama xumuraatin akka ergaman nana raggaasisa. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kadhannaa irraa waan barbaade filachuu irratti nama salaatu kakaasan.