





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: "Isa lubbuun koo harka Isaa keessa jirtuun kakadhee, ilmi Maryam (Iisaan) haala daanyaa murtii haqaan murteessu ta'een isin keessatti bu'uun isaa ni dhihaata, yeroo sanatti fannoo kiristaanaa ni cabsa, karkarroo ni ajjeesa, gibira ni murteessa, horiinis hanga namni tokko kan isa qeebalu hin jiraannetti gad dhangal'a".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haqa shari'aan Muhammad isaan dhufteen namoota giddutti akka murteessuuf jecha bu'iinsi Iisaa ilma maryam -nageenyi isa irratti haa jiraatu- dhihaachuu irratti kakatan, Fannoo (masqala) kiristaanonni kabaju akka cabsu himaniiru. Iisaa -nageenyi isa irratti haa jiraatu- karkarroo akka ajjeesus himaniiru. Akkasumas Inni -nageenyi isa irratti haa jiraatu- gibira ni murteessee namoonni hundi akka amantii islaamaa qabatan taasisa. Maallaqnis ni dhangala'a namni tokkolleen isa hin fudhatu; Kunis baay’ina isaatii fi namni hundinuu wahuma harka isaa keessa jiruun duroomuuf jechaadha, akkasumas barakaa buutee kheyriin adda addaa wal duraa boodaan dhufuuf jechaadha.
Shaddaad ilma Aawsii irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: waa lama Ergamaa Rabbii irraan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haffaze, ni jedhan: "Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera yeroo ajjeeftan ajjeechaa tolchaa, yeroo gorraatan gorraasuu tolchaa, tokkoon keessan yeroo gorra'u billaa isaa haa qarfatu, gorraasuu isaa haa boqachiisu".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-Rabbiin waan hundaaf tola ooluu nurratti dirqama akka godhe himan, tola ooluun: walitti fufiinsaan, ibaadaa isaa fi toltuu uumamtootaaf gumaachee hamtuu isaan irraa qabuu keessatti Rabbiin ofirratti too'achuudha, sana keessaa gorraasuu fi ajjeesuu keessatti tola ooluudha. Yeroo gumaa baasanitti ajjeechaa keessatti tola ooluun: karaa irra laafaa, irra salphaa fi dhiiga nama ajjeefamuu buusuu keessatti irra ariifachiisaa ta'e filachuudha. Qalma keessatti tola ooluun yeroo gorraasuutti ta'a: meeshaa ittiin gorra'amu qarsuun horiif rahmata ooluni, horiin gorra'amtu osoo isiin ilaaltuu meeshaan ittiin gorra'amu qarfamuu dhabuuni, akkasumas osoo horiin biraa kan ilaaltu bira jirtuu gorra'uu dhabuuni.
Aa'ishaa Haadha Mu’mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- akkas jette: Anaa fi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- osoo nuti lachuu janaabdaa qabnuu meeshaa bishaanii tokko irraa kan dhiqannu taane, marxifatutti na ajau ture, anis nan marxifadha, eegasii osoon ani heydii(dhiiga ji'aa) qabuu qaama isaanitiin natti maxxanu ture, akkasumas osoo ani heydii qabuu i'itikaaf irra osoo jiranuu mataa isaanii dhiquuf natti gadi baasu ture.
Al-Bukhari and MuslimAa'ishaan Haati Mu’umintootaa -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- haala addaa tokko tokko kan isheen isaanin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waliin qabdu himte, sana keessaa: janaabadhaaf jecha isaanin waliin meeshaa tokko irraa kan dhiqattu taate, meeshicha irraa yeroo tokko bishaan fudhatu. Akkasumas isaan -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- haala isheen laguu irra jirtuun ishetti dhufuu yeroo barbaadan qaama ishee handhura irraa kaasee hanga jilbaatti akka haguugdu ishee ajajan, eegasii walqunnamtii saalaa malee qaama isaanitiin qaama ishetti akka maxxanan himte. Akkasumas isaan i'itikaafaaf masjiida keessa osoo jiranuu mataa isaanii gara Aa'ishaatti gadi baasanii haala isheen ofii isheetif mana ishee keessatti laguu irra jirtuun mataa isaanii akka dhiqtu himte.
Abuu Muslim Al-Khawlanii irraa odeeffamee akkana jedhe: Jaallatamaa fi amanamaatu naaf odeesse, inni anaaf jaallatamaadha, ana birattis amanamaadha, inni Aowf bin Maalik Al-Ashja'iidha, Rabbiin isa irraa haa jaallatuu akkas jedhe: Sagal ykn saddeet ykn torba taanee Ergamaa Rabbii bira turre, -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Isaanis akkas jedhan:- "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" nuti waadaa eega isaanif seenne hin turre, kanaaf akkas jenneen: yaa Ergamaa Rabbii dhugumatti waadaa siif seenneerra, isaanis eegasii akkas jedhan: "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" nutis akkas jenne: yaa Ergamaa Rabbii dhugumatti waadaa siif seenneerra, ammas akkas jedhan: "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" ni jedhe: harka keenya diriisinee akkana jenne: yaa Ergamaa Rabbii waadaa siif galleerra, mee maal irratti waadaa siif galla? isaanis ni jedhan: "Osoo homaa itti hin daballee Rabbiin gabbaruu, salaata shanan salaatuu, tole jechuu fi -dubbii dhokataa wahii gadi qabatanii dubbatan- homaa namoota gaafachuu dhabuu irratti" dhugumatti garii namoota sanaa alangeen tokkoo isaanii irraa kufee nama tokkollee akka isa isaaf laatu kan hin gaafanne ta'uudhan arge.
MuslimNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- sahaabota baay’ee wajjin turanii, yeroo sadii akka isaanif waadaa galanii dhimmoota murtaa’an irratti akka ahdii isaan godhan isaan irraa barbaadan: Tokkoffaan: Ajajoota Isaa raawwatanii dhoorgaalee Isaa irraa fagaachuun osoo homaa Isaatti hin dabalin Rabbii tokkicha gabbaruudha. Lammaffaan: Salaata shanan guyyaa fi halkan keessatti dirqama ta'an dhaabuudha. Sadaffaan: Hooggantoota waan beekamaa ta'een dhagayuu fi tole isaan jechuudha. Afraffaan: Dhimma ofii hunda Rabbiin gahatanii sana irraa homaa namoota gaafachuu dhabuudha, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dubbii kana yeroo dubbatan sagalee isaanii gadi qabataniiti dubbatan. Sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- wanta waadaa galan sana raawwataniiru, hanga namichi hadiisicha odeesse jedhutti: Garii sahaabota sanaa kan tokkoo isaanii irraa alangeen kufee akka isa isaaf kennu nama tokkollee osoo hin gaafatin ofii isaati yaabbii isaa irraa bu'ee isa kan fudhatu dhugumatti ergeera.
Abuu Waaqid Al-Laysii irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, gara Hunaynitti yeroo bahan muka mushrikootaa tan meeshaa waraanaa itti fannifatan tan zaatu anwaax(bakka waa itti fannifatani) jedhamtu tokko bira darban, akkas jedhaniin (sahaabonni): Yaa ergamaa Rabbii akkuma isaan zaat anwaaxin qaban, nuufis zaat anwaax godhi, Nabiyyiinis nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkas jedhan: Rabbiin qulqullaaye! Kuni akkuma ummatni Muusaa isaan jedhani:(Akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi} [Al-A'araaf: 138] Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu".
At-TirmidhiErgamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, gara Hunayn bahan, innis laga gidduu Xaa'ifii fi Makkatti argamuudha, yeroo sanatti sahaabota dhiyeenyatti Islaamummaa fudhatan tokko tokkootu isaan waliin ture. Muka “zat Anwaax” jedhamu tokko bira darban, jechuunis bakka waa itti fannifatan jechuudha, mushrikoonni barakaa barbaaduuf jecha kan isii guddisan ta'an, akkasumas meeshaa isaanii fi wantoota biroo kan irratti fannifatan ta'an, Kanaaf Rasuula nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, muka akka isaa, kan meeshaa waraanaa isaanii barakaa barbaaduf jecha irratti fannifatan akka isaaniif godhan isaan gaafatan, kun akka hayyamamu itti fakkaateti gaafatan, Nabiyyiinis nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, dubbii kana balaaleffachuu fi Rabbiif ulfina Isaan malu kennuuf jecha "Subhaanallaah" jedhan, dubbiin kunis waan ummanni Muusaa isaan jedhan akka fakkaatu himaniiru: {Akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi}, Ummanni Muusaa nama taabota gabbaru yeroo argan akkuma mushrikoonni taabota qaban taabonni akka isaanifiis ta'u gaafatan, kun garuu karaa isaanii hordofuudha. Sana booda Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, ummanni kun karaa Yahuudotaa fi Kiristaanotaa akka hordofanii waan isaan hojjetan hojjetan sana irraa akeekkachiisuf jecha himaniiru.
Ibnu Abbaas irraa odeeffame Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu: Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti fedhe” jedhi.
AhmadNamni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma isaa wahii keessatti isaan dubbisee, eegasii akkas jedheen: “Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete”, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dubbii kana balaaleffachuun fedhii uumama tokkoo fedhii Rabbii waliin qubee “waw” jedhu fayyadamuun walitti qabanii dubbachuun shirkii xixiqqaa namni muslimaa isa dubbachuun hin hayyamamne akka ta’e itti himan. Eegasii gara jecha dhugaatti isa qajeelchan: "Waan Rabbi qofti fedhe", haaluma kamiinuu ta'ee fedha nama biraa osoo fedha Isaatin walitti hin qabne fedha Isaa keessatti Rabbiin adda baasuudha qaba.
Aa'ishaa Haadha Mu’umintootaa irraa odeeffame Rabbiin ishee irraa haa jaalatu akkas jette: Mana meeshaa kiyya girdoo fakkii of keessaa qabuun hagoogee osoon jiruu Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- natti ol seenanii, yeruma isa argan fuulli isaanii jijjiiramee isa baqassanii, akkana jedhan: "Yaa Aa'ishaa, Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti warri irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessani, Aa'ishaanis akkana jette: "isa mummurree boraatii tokko ykn lama irraa tolchine".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, mana isaanii Aa'ishaa irratti -Rabbiin irra haa jaalatu- ol seenanii, dhugumatti mana xiqqaa meeshaan keessa kaayamu girdoo of keessaa fakkii labbu qabeeyyii qabuun haala isheen hagoogdeen ishee arganii, aaranii bifti fuula isaanii jijjiiramee isa buqqisanii, akkas jedhan: Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti namoonni irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessanii fakkii kaasani. Aa'ishaan akkana jette: "boraatii tokko ykn lama isa irraa tolchine”.
Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaalatu: Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: "Rabbiin akkana jedhe: Ilmi Aadam na kijibsiise, sun isaaf hin ta'u ture, Ilmi Aadam na arrabse, sun isaaf hin at'u ture, na kijibsiisuun isaa, akka dura na uumetti na hin deebisu jechuu isaati, uumisi jalqabaa anaaf isa deebisuu irra salphaa miti, Na arrabsuun isaa ammoo, Rabbiin ilmoo godhateera jechuu isaati, ani tokkicha hirkoo waa hundaati, hin dhallee hin dhalannes, hiriyaan tokkos anaaf hin taane".
Al-BukhariNabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu hadiisa Rabbii ol ta'e irraa odeeffame keessatti, Rabbiin ol tahe, waa’ee mushrikootaa fi kaafirootaa yeroo himu isaan akka Isa kijibsiisan, akkasumas hanqinaa fi mudaa akka gara Isatti hirkisanii fi sun akka isaanif hin tolle hime jechuudha ibsan. Rabbiin kijibsiisuun isaanii, Rabbiin akkuma yeroo jalqabaaf dhabama irraa isaan uumetti eega isaan du’anii isaan hin deebisu jechuu isaaniti, Rabbiinis inni uumama dhabama irraa jalqabee isaan deebisuu irratti danda'aadha, inumaayyuu isaatu irra salphaadha jechuun isaan irratti deebise, Rabbiin ilaalchisee uumu fi deebisuun waluma qixa ta'anillee, sababni isaas Rabbiin waan hundumaa irratti danda'aa waan ta'eef jecha. Rabbiin arrabsuun isaanii ammoo Rabbiin ilma godhate jechuu isaaniti, Rabbiinis inni Tokkicha, isa maqoolee, sifowwanii fi hojiilee Isaa keessatti guutummina hundaan adda ta’e, hanqinaafi mudaa hundarraa bilisa ta’e, akkasumas hirkoo wanni hundi itti haajamu, kan ofii isaatii waa tokkotti hin haajamne, kan nama tokkoofis abbaas ilmaas hin ta'ini, kan hiriyaa fi fakkaataa hin qabne jechuun isaan irratti deebise, Inni qulqullaa'ee ol ta'e.
Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu ni jedhe: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: Rabbiin ol tahe ni jedhe: Nama jaalallee kootin diinummaa qabu, ani dhugumatti lola isa beeksiseera, Garbichi koo wanta ani isa irratti dirqama godhe hojjachuu caalaa waa tokkoon Natti hin dhihaanne, Gabrichi koo hangan isa jaalladhutti sunnaa raawwachuudhaan Natti dhihaachuu irraa hin deemu, yoon isa jaaladhe, ani dhageettii isaa kan inni ittiin dhaga'u, ija isaa kan inni ittiin argu, harka isaa kan ittiin qabatu, miila isaa kan ittiin deemu isaaf ta'a, yoo na kadhate isaaf kenna, yoo inni natti maganfate isa nan tiksa, Lubbuu nama mu'uminaa fuufhuu irraa akka duubatti deebi'etti waanan hojjedhu tokko irraa duubatti deebi'ee hin beeku, i nni du'a jibba, ani immoo isa hammeessuu jibba".
Al-BukhariNabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, Hadiisa al-qudsii kana keessatti Rabbiin ol ta'e akkana jechuudha himan: Namni jaalallee koo tokko miidhe, isa aarse, ykn isa jibbe, ani dhugumatti diinummaa isa beeksiseera. Waliyyii/jaalallee jechuun: nama mu'umina Rabbiin sodaatu yoo ta’u, akka bal’ina iimaanaa fi sodaa Rabbiitin qooda waliyyummaa/ jaalallee Rabbii ta'uu argata. Muslimni waan kheyrii hojjatee waan haraama ta'e dhiisuu irraa wanta Inni dirqama isarratti godhe hojjachuu caalaa wanta Isa biratti jaallatamaa ta’e tokkoon gara Rabbii isatti hin dhihaanne, Muslimni hanga jaalala Rabbii argatutti waajiboota waliin sunnaalee hojjachuun gara Rabbii isatti dhihaachuu irraa hin deemu. Rabbiin yoo isa jaallate, humnoolee afran kanaan keessatti isa qajeelcha: Dhageettii isaa keessatti isa qajeelcha, kanaaf waan Rabbiin jaallachiisu qofa dhaga’a. Ija isaa keessatti isa qajeelcha, kanaaf waan Rabbi jaallatuu fi itti gammadu qofa ilaala. Harka isaa keessatti isa qajeelcha, kanaaf waan Rabbiin jaallachiisu malee waan biraa harka isaatin hin dalagu. Miila isaa keessatti isa qajeelcha, kanaaf gara waan Rabbiin jaallachiisutti qofa deema, waan gaarii qofa barbaada. Kanuma waliin yoo Rabbiin waan tokko kadhate Rabbiin waan inni kadhate isaaf kenna, kanaaf nama du'aa'iin isaaf owwaatamu ta'a. Yoo Rabbitti maganfatee eegumsa Isaa barbaadaa haala ta'een gara Isatti hirkate immoo Rabbiin ol tahe waan sodaatu irraa isa eega. Eegasii Rabbiin ol tahe akkana jedhe: Ani isaaf rahmata godhuuf jecha hangan lubbuu mu'uminaa fuudhuu keessatti duubatti jedhu waanan hojjedhu kamirraayuu duubatti hin jenne; sababni isaas inni waan isa keessa laalan jiruuf jecha du'a sodaata, Rabbiin immoo waan mu'umina dhiphisu ni jibba.