





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: "Hanga namni tokko qabrii nama biraa bira darbee akkana jedhutti qiyaamaan hin dhuftu: Osoon bakka isaa ta’ee natti tola".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga namni tokko qabrii bira darbee bakka abbaa qabrii sanaa ofii du'uu hawwutti qiyaamaan akka hin taane himan, Sababni isaas sababaa cubbuu fi warri cubbuu ol'aantummaa argatanii fitnaan adda addaatii fi badiiwwan muldhachuutiin amantii isaa dhabuu irraa sodaachuu isaati.
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Yahuudaa woliin wol loltanii hanga dhagaan booda isaa yahuudaan jiru: yaa muslima kun booda koo kan jiru yahuudaadha isa ajjeesi jedhutti qiyaamaan hin dhaabbatu".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga muslimoonnii fi yahuudaan wol lolanitti qiyaamaan akka hin dhaabbanne himani, Yoo yahuudichi muslima irraa dhokachuuf jecha dhagaa jalatti dheesse illee; Rabbiin dhagaa dubbachiisee muslima waamaa: booda isaa yahuudaatu jira jechuun, akka muslimni isa ajjeesuuf dhufuuf jecha.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Hanga yeroon walitti dhihaatutti qiyaamaan hin dhaabbattu, sababaa sanaan waggaan akka ji’aa, jiini akka torbaanii, torbaan immoo akka guyyaa, guyyaan immoo akka sa’aatii, sa'aatiin immoo akka gubachuu baala damee muka timiraa ta'a".
AhmadNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mallattoo Qiyaamaa keessaa tokko yeroon walitti dhiyaachuu akka ta’e himan, Waggaan akkuma ji'atti darba, Jiini akkuma torbanitti darba, Torbaan akkuma guyyatti darba, Guyyaan akkuma sa'aatiin tokko darbutti darba, Sa’aatiin immoo akkuma baalli muka timiraa gubatu baay’ee dafee darba.
Abdullaah ilma Amrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Hawdiin koo(guddinni isaa) adeemsa ji'aati, bishaan isaa aannan irra adiidha, fooliin isaa miskii irra gaariidha, kubbaayyaan isaa akka urjii samiiti, namni isii irraa dhuge tasuma hin dheebotu".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa qiyaamaatti hawdii dheerinnii fi bal'inni isaa adeemsa ji'aa ta'e akka isaaniif jiru himani, Bishaan isaa aannan irra haalaan adii akka ta'e himani, Fooliin isaas bareedaa foolii miskii caalaatti kan urgaa'u ta'uu himani, Kubbaayyaaleen isaa heddummina isii keessatti akka urjii samii akka taate himani, Namni kubbaayyotii sanaan hawdii irraa dhuge tasuma hin dheebotu.
Asmaa'a intala Abuu bakri irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jette: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Ani hawdii irra taa'een nama isin irraa gara koo dhufu ilaala, namootni gariin anaa gaditti qabamu, anis nan jedha: yaa Rabbi (isaan) ana irraati ummata koo irraati, eegasii ni jedhamaan: waan isaan booda keetii hojjatan ni beektaa?, Rabbiinan kakadha (amantaa) isaanii irraa deebi'uu irraa boodatti hin jenne".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanii irraa nama gara isaanitti dhufu ilaaluuf jecha guyyaa qiyaamaa hawdii isaanii irra akka taa'an ibsani, Namoonni gariin bakka isaanitti dhihoo irraa qabamani jennaan -Rahmanii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- ni jedhu: yaa Rabbi isaan na irraati ummata koo irraati, Ni jedhamaan: waan isaan booda siin gar gar bahanii hojjatan ni beektaa, Rabbiinan kakadhe isaan of booda deebi'uu fi amantaa isaanii irraa garagaluu hin dhiifne, kanaafuu isaan sirraa miti, akkasumas isaan ummata kee irraas miti.
Abuu Zarri irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nan jedhe: yaa ergamaa Rabbii ! meeshaan ittiin hawdii dhugan maal inni? ni jedhani: "Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jiruunan kakadha, meeshaan isa irraa ittiin dhugan daninni isaa urjiiwwan samii irra hedduudha, dhaga'aa urjiiwwan halkan dukkana duumessa irraa qulqulluu ta'e keessatti mul'atu irra hedduudha, meeshaa jannataa namni isii keessaa dhuge dheebuu jalqaba isa irra tureen ala hin dheebotu, jannata irraa ashandaa lamaatu isa(hawdii) keessatti yaa'a, namni isa irraa dhuge tasuma hin dheebotu, bal'inni isaa akkuma dheerina isaati, hanga gidduu ammaanii(magaalaa biyya shaam keessatti argamtu) fi aylaati(magaalaa xarafa shaam irratti argamtu), bishaan isaa aannan irra akkaan adiidha, damma irra akkaan mi'aawaadha".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irra haa buusu- guyyaa qiyaamaa meeshaan hawdii isaanii ittiin dhugan lakkoofsa urjiiwwan samii irra hedduu akka ta'e kakatan, Sun halkan dukkana isa jiini keessa hin jirre keessatti mul'ata; sababni isaas halkan ji'a qabdu keessatti urjiwwan ifa ji'aatiin haguugamti waan hin ta'eef ifa hin taatu, akkasumas halkan isa keessa duumessi hin jirre keessatti, sababni isaas duumessi mul'achuun urjiiwwan arguu irraa waan dhoorguuf jecha, Meeshaan ittiin dhugan kan jannata irraa ta'e, namni dhugaatii isa keessa jiru irraa dhuge tasuma hin dheebotu, dheebuun inni sana dhuguun duratti ture sun dheebuu irraa dhuma waan isa mudatuuti ta'a, Hawdii isaanii keessatti ashandaa lamaatu jannata irraa itti yaa'a, bal'inni isaa akkuma dheerina isaati; Hawdichi roga hundaanuu wal qixa, dheerinni isaa hanga fageenya gidduu ammaanii(magaalaa shaam kan balqaa'a keessatti argamtuudha) fi aylaa(magaalaa beekamtuu xarafa shaam irratti argamtuudha) gidduu jiruuti, Bishaan hawdichaa aannan irra adiidha, mi'aan isaa immoo mi'aa dammaati caalaa.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: “Mu'uminni cimaatu Rabbiin biratti mu'umina laafaa irra caala, irra jaallatamaasi, haa jennuu malee hunduma keessa kheyriin ni jira, waan si fayyadu irratti bololi, Rabbiin gargaarsifadhu malee hin dadhabin, wanti ati hin jaallanne wahii yoo si mudate, osoon akkasii fi akkas godhee silaa akkasii fi akkas ta’a ture hin jedhin, Garuu akkas jedhi: Rabbiin waan fedhe dabarse, wahuma fedhe hojjate, sababni isaas (osoon) hojii sheexanaa waan namatti bantuuf jecha".
MuslimNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- namni mu'uminaa hunduu gaarii akka ta’e ibsan, garuu mu’umina amantii, murannoo, qabeenya isaati fi karoowwan ciminaa irraa waan biroo keessatti cimaa taheetu Rabbiin biratti mu'umina laafaa irra caala irra jaallatamaasi. Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhimmoota addunyaa fi Aakhiraa irraa waan isa fayyadu keessatti Rabbirratti hirkatee Isaan gargaarsifachaa sababowwan geessuudha mu'uminaaf dhaaman. Eegasii nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu waan biyya lamaanitti nama fayyadu irraa dadhabuu fi ceem'uu irraa dhoogan. Rabbiin gargaarsifatee mu'uminni ciminaan yoo hojjete, sababootas yoo geesse, kheyrii Rabbiin irraa yoo barbaade, booda kanaatii dhimma isaa hunda Rabbitti hirkisuu yoo ta'e malee homaa isa irra hin jiru, filannoon Rabbii ol ta'ee isaaf gaarii ta’uu isaa beekuudha qaba, Sana booda balaan yoo isa mudate akkas jechuu hin qabu: “Osoon ani hojjedhee silaa akkasii fi akkas ta’a ture”; “Sababni isaas (osoo) jechuun hojii sheeyxanaa waan namatti bantuuf jecha” sun qadara mormuu fi waan darbeef boo’uu keessatti muldhata, garuu harka kennachuu fi jaalalaan akkas jedha: “Rabbiin waan fedhe dabarse, waan fedhes hojjete". Wanti ta’e hundinuu fedha Rabbiitini, sababni isaas Inni waan barbaade hojjeta, wanni murtee Isaa deebisuu fi dura dhaabbatu hin jiru waan ta'eef jecha.
Ibnu Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: "Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu isaanii hanga ragaa bahanii, salaata dhaabanii, zakaa kennanitti ani namoota mushrika ta'aniin lolutti ajajameera, yoo san hojjatan haqa islaamummaatiin malee dhiiga isaanitii fi qabeenya isaanii narraa tikfatan, herregni keessa isaanii Rabbiin bira jira".
Al-Bukhari and Muslim with all its versionsNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- mushrikootan lolutti Rabbiin akka isaan ajaje himan, hanga isaan Rabbii tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan hin jiruu fi Muhammadiif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ergaan ragaa bahanii, halkanii fi guyyaa keessatti salaata shanan irratti eeggachuu fi zakaa dirqamaa warra isii haqa godhataniif kennuu irraa waan ragaan kun barbaadu irratti hanga hojjatanitti. Wantoota kanneen yoo raawwatan Islaamummaan dhiiga isaanii fi qabeenya isaanii ni tiksa; kanaafuu isaan ajjeesuun hin hayyamumu, yoo yakka ykn badii cimaa akka seera islaamummaatti isa irratti ajjeefamuu haqa godhatan raawwatan malee, eegasii guyyaa qiyaamaatti Rabbii ol ta'e kan iccitii isaanii beekuutu isaanii qorata.
Nu'umaan bin Bashiir irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: "Fakkeenyi mu'umintootaa wal jaallachuu, rahmata waliif gochuu fi garaa waliif laafuu isaanii keessatti akka qaama tokkooti, humna tokko isa irraa yoo dhibame qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydaa'uudhaan isaan waliin dhibama".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- kheyrii waliif jaallachuu, wal gargaaruu ,waliif tumsuu fi rakkina isaan irra gayuuf rakkachuu irraa ta'ee haalli Muslimoonni waliif qaban akka qaama tokkoo ta'uun dirqama ta'uu akka qabu ibsan, yeroo humna tokko irraa dhukkubsatee qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydamuudhaan isa waliin dhukkubsata.